Finfinneetti mata duree ''Badhaadhina Biyya keenyaaf gamtaan ni dhaabbanna" jedhuun hiriirri jijjirama deeggaru geggeeffama jira

89

Bitootessa 28/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti mata duree ''Badhaadhina Biyya keenyaaf gamtaan ni dhaabbanna" jedhuun hiriirri jijjirama deeggaru geggeeffama jira.

Hiriirri kun magaalaa Finfinnee addabaabayii masqalaatti geggeeffama kan jiru yoo ta'u jiraatoonni magaaluchaa hedduun irratti hirmaataniiru.

Kanneen hiriira kanarratti hirmaatan ertaa deeggarsa hooggansa Ministirri Muummee kennaa jiran deeggaru qabatanii bahaniiru.

Ergaa hiriirtonni qabatanii bahan keessaa " Nageenyi keenya mana tokkoon tokkoo keenya jira, Hidhi haaromsaa gudditti mallattoo jabinaa fi tokkummaa keenyaati, Biyya keenya gara badhaadhinaatti ceesisuuf hoggansa jijjiramaa waliin ni hiriirra" kanneen jedhan keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015