Magaalaawwan Diillaa fi Jiinkaatti hiriirri nagaa taasifamaa jira

Bitootessa 27/2016(TOI)፡-Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa magaalaawwan Diillaa fi Jiinkaatti mata duree nageenya keenyaaf waardiyyaa nidhaabanna, jijjiirama nicimsina” jedhuun hiriirri nagaa taasifamaa jira.

Hiriira nagaa naannichatti godina Geedi’oo Diillaa fi godina Arrii Jiinkaatti taasifamaa jirurratti kutaaleen hawaasaa addaddaa hirmaataniiru.

Waggoottan jijjiiramaa jahaan asitti bu’aaleen biyyattiitti argaman cimanii akka ittifufan akka deeggaran kanneen hiriira bahan ibaniiru.

Kanneen hiriira nagaa bahan ergaawwan Yaalii walootiin nageenya keenya nimirkaneessina, tokkummaa keenya cimsinee badhaadhina Itiyoophiyaa nisaffisiifna, biyya keenya guddinatti ceesisuuf sochii taasifamu keessatti cimnee nidhaabanna, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha tumsa keenyaan akkuma jalqabne nixumurra, milkaa’ina egereef waliin nihojjenna jedhan dabarsaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015