Jiraattonni Dirreedawaa hiriira nagaa taasisaa jiru

Bitootessa 27 / 2016(TOI)-Jiraattonni Dirreedawaa Mata duree “Tokkummaa cimsuun nageenyaa fi badhaadhina Itiyiohiyaa nimirkaneessina” jedhuun hiriira deeggarsaa taasisaa jiru.

Jiraattonni baadiyyaa fi magaalaarraa walitti dhufan dhaadannoowwan waggoota jijjiiramaa jahan darban hooggansa cimaa doktar abiyyi Ahimadiin jijjiiramoota gama nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaariin argaman qabachuun hiriira nagaa taasisaa jiru.

Kanneen keessaa nageenyi hundaaf hundi nageenyaaf, hooggansa cimaa hoogganaa keenya dktar Abiyyi Ahimadiin guddinaa fi badhaadhina keenya nimirkaneessina kan jedhan keessatti argamu.

Bu’aawwan jijjiiramaan argaman sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ministira muummee keenya cinaa hiriirree ga’ee keenya nibaana jedhaniiru.

Jiraattota hiriira nagaa bahan keessaa adde Sintaayyoo Gabramadin TOItti akka himanitti, waggoottan jijjiiramaa jahan darbanitti Dirreedawaatti hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaariirratti jijjiiramoonni bu’uraa dhufaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad aangoo erga qabatanii kaaseetu gamtoominnii fi tokkummaan Dirreedawaa deebi’ee jijjiiramni galmaa’aa kan jiru jedhaniiru.

Bu’aaleen jijjiiramaa kunneen cimsuun itti fufuuf, jaalalaa fi tumsa ministira muummeef qabnu agarsiisuufi har’a addababayiirratti kan argamne kan jedhe ammoo dargaggoo Gammachuu Mahaammadidha.

Jiraattonni hiriira nagaa kana addababayii baabura lafoo Dirreedawaatti adeemsisaa jiru..

Ittaantuu af-yaa’ii mana maree bulchiinsa Dirreedawaa adde Fathiyaa Aden dabalatee miseensonni Kaabinee bulchiinsa Dirreedawaa, hooggantoonni paartii badhaadhinaa fi jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015