''Waggoota jahan darban bu’aaleen misoomaa Naannoo Somaaleetti argaman cimanii itti fufu'' - ENA Afaan Oromoo
''Waggoota jahan darban bu’aaleen misoomaa Naannoo Somaaleetti argaman cimanii itti fufu''
972
Bitootessa 28/2016(TOI) - Hojiilee misoomaa waggoota jahan darban raawwataman caalmaan itti fufsiisuuf hiriirri deeggarsaa jijjiiramaaf tumsu Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti bahameera.
Hiriiricharratti Pirezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad waggoota jijjiiramaa jahan darbanitti gama hundaan bu’aalee gurguddoon argamaniiru jedhan.
Hojiileen kunneenis cimanii akka itti fufan himaniiru.
Hawaasnis tumsasaa cimsuu akka qabu dhaamaniiru.
Hirmaattonni hiriirichaas jijjiirama qabatamaa dhufe deeggaruuf hiriira bahuu himaniiru.
Bu’aa caaluufis akka tumsan dubbataniiru