Duulli garee shororkeessaa Shanee balleessuuf taasifamu ciminaan ittifufa- Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay

105

Bitooessa 27/2016(TOI)- Duulli garee shororkeessaa Shanee amma dhumaatti balleessuu fi nageenya qaxanichaamirkaneessuuf taasifamu ciminaan ittifufa jedhan ajajaan ajaja jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay.

Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay hooggantoota raayyaa fi bulchiinsa siviilii qaamota kooriiwwan ajaja jiddugaleessaa hundarraa fi ajaja lixaa koorii tokkoo waliin haala nageenyaa qaxanichaa yeroo ammaa firaawwii raayyaa ilaalchisuun marii taasisaniiru.

Duula dhihoo kana qaxanicha kallattii hundaan taasifameen diinarratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu fi bu’aan olaanaa argamuusaa ibsanii, duulli garee shororkeessaa kana balleessuuf taasifamu cimee akka ittifufu dubbachuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaa nimul’isa.

Hoogganaan olaanaa qajeelcha gamtaa ittisaa Letenaal Jeneraal Balaay Siyyum raayyaan qaxanichatti bobba’e dirqamasaa bahaa waan jiruuf nageenyi naannawichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufuun alatti hawaasni tasgabbaa’ee jireenyasaa gaggeessaa akka jiru argineerra jedhan.

 Godina Wallaggaa Lixaatti aanaaleen Begii fi Qondaalaa akkasumas godina Qeellam Wallaggaatti bulchitoonni aanaa Gidaamii fi qaamoleen nageenyaa maricharratti hirmaataniiru.

Duula raayyaan halkanii fi guyyaa taasisaa jiruun haalli nageenyaa naannawasaanii baay’ee fooyya’uusaa fi ummannis yeroo yerootti odeeffannoo kennuu fi hojii addaddaatiin hirmaannaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015