Marii biyyaaleessaaf aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatota adda baasuu guutuummaatti xumurameera

300

Bitootessa 27/2016(TOI) - Marii biyyaaleessaaf aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatota adda baasuu guutuummaatti xumuramuu Komishiiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Dubbi himaan Komishiinii Marii Biyyaalessaa Xibabuu Taaddasaa adeemsi marii biyyaalessaa maal irra akka jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsa isaaniin bara 2015 irraa eegalee hojiin hirmaatoota adda baasuu, waltajjiiwwan bakka bu'oota galteewwaan ajandaaf ta'an walitti qabuu qabuurratti hirmaatan filachiisuu hojjetamuu eeraniiru.

Adeemsa hanga ammatiinis aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatoota adda baasuu guutummaatti xumuramuu ibsaniiru.

Aanaalee 100'tti immoo hojiin kun yeroo dhihootti ni xumurama jedhaniiru.

Naannoolee guutummaatti hojiin kun xumuramees Affaar, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa, Hararii, Sidaamaa, Kibba lixa Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaa fi Jiddigala Itoophiyaatti jedhaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa fi Finfinneettis hojiin hirmaatoota adda baasuu xumurameera jedhaniiru.

Naannoo Somaalee aanaalee 25 fi naannoo Oromiyaa aanaalee 70ttis xumuramaa jiraachuu ibsanii; gara fuula duraatti naannoo Amahaaraa fi Tigiraayitti ni raawwatama jedhaniiru.

Marii biyyaalessaaf hirmaattoonni adda baafaman waltajjiiwwaan marii gara fuula duraatti qophaa'urratti kan hirmaatan ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbileen adda adda, Waldaaleen, Paartileen Siyaasaa fi kanneen warri biroo bakka buufatanis waltajjii ajandaa walitti qabuu irratti hirmaachuuf qophii akka taasisan hubachiisaniiru.

Haala karoora qabameen naannolee fi bulchiinsa magaalootaatti bakka bu'oonni yeroo walfakaatatti marii kan taasisan ta'uus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015