Uummata magaalaa keenyaa deeggarsaan nu faana jiraniif yeroo hundaa kabajan qaba

116

Bitootessa 28/2016(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jiraattota magaalattii hiriira ba’uun deeggarsaa isaanii argisiisan galateeffatan.

Guyyaa har’aa jiraattoonni Magaalaa Finfinnee jijjiirama Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin hogganamaa jiru waggaa 6ffaa sababeeffachuun hiriira deeggarsaa gaggeessuu ibsaniiru.

Jijjiiramichi biyyattii kan fuulduratti tarkaanfachiisan hojiilee guguddaa fi obbolummaa sabdaneessaa dagagsuun tokkummaan kan miidhage ta’uu eeraniiru.

Magaalaan Finfinnees Yaadannoo Injifannoo Adwaa dabaltee pirojektoota guguddaa eegaluun kan xumurte ta’uu, bakkeewwan hawwata tuuriizimii akkasumas haqa hawaasummaa mirkaneessuuf hojiilee namarratti xiyyeeffatanii eegalamaniin, jiraattota hedduuf dhiibbaan jireenyaa hir’achuun abdiin isaanii kan itti dagaage ta’uu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Fuuldurattis, Magaalaa Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa, akka maqaa ishee miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu taasisuuf, damee hundaan giddugala hawwattuu taasisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufa jedhaniiru.

Jireettoota magaalatti yeroo mara deeggarsa isaanii argisiisanis kan kabajanii fi galateeffatan ta’uu Aadde Adanech ibsaniiru.

 

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015