Magaalaa Saqoxaatti hiriirri deeggarsaa bu’aalee mootummaan jijjiiramaa galmeessise deeggaru tasifamaa jira

149

Bitootessa 30/2016 (TOI)- Hiriirri deeggarsaa bu’aalee mootummaan jijjiiramaa waggoota jahan darban galmeessiseef beekamtii kennu bulchiinsa sablammii Waag himiraamagaalaa Saqoxaatti taasifamaa jira.

Ergaawwan “Nuitiyoophiyaanonni nageenyaa fi badhaadhina biyya keenyaaf qooda keenya nibaana, nageenyi keenya mana keenyrraa jalqaba, injifannoo fi milkaa’inni hidha haaromsaa guddichi ashaaraa seena qabeessa injifannoo abbootii keenyaa daballee kan itti galmeessifnedha,  hirmaannaan ummataa olaanaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhan jedhan hiriira kanarratti mul’ataniiru.

Bulchiinsa magaalaa Saqoxaan cinaatti aanaalee godinichaa keessattis hiriirri deeggarsaa jaarsoliin biyyaa, hojjettoota mootummaa, dubartoonnii fi dargaggoonni itti hirmaatan adeemsifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015