Gambeellaatti nagaa fi misooma waaraa mirkaneesuuf dhaabbileen amantii hirmaanna isaanii cimsuu qabu

Bitootessa 27/2016(TOI) - Naannoo Gambeellaatti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneesuuf dhaabbileen amantii hirmaannaa isaanii cimsuu akka qaban Pirezidaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluu hubachiisan.

Waltajjiin marii nageenyarratti xiyyeeffate kan dhaabbileen amantii naannichaatti argaman irratti hirmaataan magaalaa Gambeellaatti geggeeffameera.

Obbo Umood Ujuluu waltajjii kanarratti akka himaniitti; tokkummaa fi walooma uummtaa cimsuu keessatti gaheen dhaabbileen amantii qaban guddadha jedhaniiru.

Dhaabbileen amantii tokkummaa fi waliin jireenyi uummata akka cimu taasisuun nageenyi waaraan naannichaatti itti fufnisaan akka jiraatuu fi uummanni qabeenya uumamaa naannichu qabu misoomsuun fayyadamuu akka qabu hojii hojjetamu keessatti hirmaanna isaanii cimsuu qabu jedhaniiru.

Namoonnii tokko tokko miidiyaa hawaasaa fayyadamuun yaadama seenessa qeenxeen karaa itti gaafatummaa hin qabneen nageenyi naannichaa akka boora'u yaalii gochaa turuu eeranii; Dhaabbileen amantii seeneessa tokkummaa uummataa cimsu seenessa waloon obbolumma cimsuuf xiyyeeffannoo hojjechuu qabu jedhaniiru.

Walatajjii marii kanarratti bakka bu'oonni dhaabbilee amantii naannicha keessaatti argamanii hirmaataniiru.

See insights and ads

Boost post

All reactions:

22

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015