Mootummaan jijjiiramaa waggoota jahan darban hojiilee qabatamaa badhaadhinaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjeteera-doktar Laggasaa Tulluu

Bitootessa 26/2016(TOI)- Mootummaan jijjiiramaa waggoota jahan darban hojiilee qabatamaa badhaadhinaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjechuusaa ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu ibsan.

Ministirichi hojiilee jijjiiramaa waggoota jahaa, waliigaltee nageenyaa fi hojiilee misooma bonaarratti ibsa kennaniiru.

Itiyoopphiyaan nagaa qabdu misoomashee dhugoomsuun olitti dhageettii Addunyaa fi Afriikaatti qabdu guddisuu fi faayidaa biyyaalessaashee eegsisuuf akka dandeessu ibsaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin durfamu waggoottan jahan darban nagaa fi tasgabbii buusuuf, dirree sabdaneessummaa keessummeessuu uumuuf hojiilee hedduu hojjeteera jedhan.

Fakkeenyaaf gama siyaasaan imaammata haqa cehumsaa qopheessuusaa, komishinii marii biyyaalessaa hundeessuunsaa, dhaabbilee demokiraasii, haqaa fi nageenyaa irratti bu’aa qabatamaa fiduusaa kaasaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa sirna federaalizimii demokiraatawaa sabdaneessummaa hammataa qabatamaan lafa qabachiisuusaa ibsaniiru.

Baatiin Bitootessaa fedhii jijjiiramuu Itiyoophiyaa kan itti dhugoomee fi imalli jijjiiramaa qabatamaan kan itti jalqabamedha jedhaniiru.

Guddinni dinagdee quubsaan galmaa’uusaa, qabenyi biyyattii dachaan dabaluunsaa, rawwiin pirojektoota meeggaa fooyya’uun, guddinni dinagdee damee hundagaleessaa bu’aa argamsiisaa akka jiru eeraniiru.

Milkaa’onni Qamadii bonee fi ashaaraa magariisaan argaman biyya jijjiiraa akka jiran dubbataniiru.

Shiroonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa diiguuf taasifaman hooggansa cimaa fi qabsoo cimaan fashalaa’uusaanii kaasaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa gama dippilomaasiitiin dhageettii Itiyoophiyaa kan dabalan, faayidaa biyyaalessaa kan eegsisan, hojiilee hariiroo Afriikaa fi addunyaa hojjechuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015