Jiraattonni naannoo Hararii hiriira nagaa gaggeessaa jiru

82

Bitootessa 28/2016 (TOI) - Jiraattonni naannoo Hararii har’a ganama irraa eegalun hiriira jijjirama deeggaru geggeessaa jiru.

Hiriira kana irratti jiraattonni, qonnaan bultoonni, hojjettoonni mootummaa fi namoonni biroon aanaalee naannichaa hundarraa hirmaataniiru.

Hiriirtonni kunneen hooggansa Ministira Muummee doktar Abiy Ahimad jalatti jijjiirama waggoota jahan darban keessatti gama nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaariin argaman itti fufsiisuuf deeggarsa qaban ibsataniiru.

Waggoota jahan darban naannichatti gama nageenyaa fi tasgabbiin, misooma hawaasummaa fi dinagdeetiin bu’aan gaariin argameera.

Hiriirtonni kunneenis, "Nagaa keenyaaf waardiyyaa ni taana, jijjiirama jiru ni jabeeffanna, injifannoo keenya ni eeganna, milkaa'ina dabalataaf ni hojjenna, nagaan hundaaf, hunduu nagaaf waliin ni hojjenna!" ergaa jedhu qabatanii bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015