Wixineen labsii eegumsa daataa dhuunfaa ragga’e

Bitootessa 26/2016(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa daataa dhuunfaa raggaase.

Manni marichaa yaa’ii idilee 20ffaa waggaa sadaffaa har’a taa’een wixinee labsii eegumsa daataa dhuunfaarrattigabaasaa fi yaada murtee koree dhaabbataa dhimmoota misooma qabeenya namaa, bobbaa hojii fi teeknooloojii irraa dhihaateef dhaggeeffateera.

Walittiqabaan koree dhaabbatichaa doktar Nagarii Leencoo qaamolee dhimmi ilaaluu fi ogeeyyota kutaa seeraa mana marichaa waliin wixinee labsii kanarratti mari’atameera jedhan.

Wixineen labsii kun eegumsa daataa dhuunfaa ilaalchisuun dhimmoota bal’aa akka kaa’uu fi to’ataan miidhaa daataa dhuunfaa akka moggaafamu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Wixineen labsii kun daataan dhuunfaa wayita walitti qabamuu fi qiqindaa’u rakkoon daataa dhuunfaa akka hin uumamne shoora olaanaa qaba jedhan.

Wixineen labsii kun sirni eegumsa daataa dhuunfaa sadarkaasaa eeggate Itiyoophiyaa keessatti diriirsuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Miseensonni mana maree gamasaaniin dhimmoota Wixinichaarrati fooyya’uu qaba jedhan jaasaniiru.

Manni marichaa labsii sirna eegumsa daataa dhuunfaa sadarkaa idil addunyaa eeggate diriirsuu nidandeessisa jedhe mormii tokko sagalee caalmaan raggaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015