Siyaasa
Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma
Jul 10, 2025 57
Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan. Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera. Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru. Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru. Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru. Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru. Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru. Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru. Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.
Itiyoophiyaan Bara bajatichaatti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjetteetti-Ministeera dhimma alaa
Jul 10, 2025 57
Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Bara bajataa xumurametti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjechuushee Ministeerri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo raawwii dippilomaasii bara bajatichaa ijoo ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniinis bara bajatichaatti dameelee dippilomaasii hundaan hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa eegsisanii fi maqaa gaarii biyyaa beeksisan hojjetamuu beeksisaniiru. Biyyoota ollaa waliin hariiroo fayyadama waloo irratti hundaa’e humna elektiriikii fi bu’ura misoomaa daandiin caalaatti cimsuu fi nageenya waaraa gaanfa Afriikaatti buusuuf hojiileen milkaa’oon raawwatamuu ibsaniiru. Bara bajatichaatti fayyadama haqa qabeessa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisee haqa Itiyoophiyaa hawaasa addunuyaaf hubachiisuun akka danda’ame dubbataniiru. Bara bajatichaatti waliigalteewwan gamlamee fi gama hedduu biyyoota garagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru. Waliigalteewwan kunneen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisanii fi dhageettii fi fudhatama waltajjii addunyaarratti qabdu kan gabbisanidha jedhaniiru. Dippilomaasiin lammiileerratti xiyyeeffateenis Itiyoophiyaanota biyyoota garagaraatti haala rakkisaa keessa turan fayyaa fi kabajnisaanii eegamee biyyatti akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.
Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa
Jul 10, 2025 45
Adoolessa 03/2017(TOI)- Bara bajataa xumurametti lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’uusaanii Minstirri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo hojiilee dippilomaasii ijoo bara bajataa 2017 ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru. Bara bajatichaatti Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii hariiroo gamlamee fi gama hedduu faayidaa biyyaalessaa kabachiisan uumuun, walitti dhufeenya riijinii akkasumas tumsa ardii fi idil addunyaa cimsa raawwatteetti jedhan. Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii bu’a qabeessa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalaatti cimsuu dandeessisanii fi walitti hidhamiinsa riijinii saffisiisan raawwachuushee himaniiru. Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun haqa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamuusaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan Komishiniin sulula Naayil akka hundaa’u gochuun fedhii itti fayyadama haqa qabeessaaf qabdu qabatamaan agarsiifteetti jedhaniiru. Itiyoophiyaan ollootashee waliin walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf lammiilee biyyoota garagaraa 968’f carraa barnootaa kennuushee dubbi himaan kun dabalanii himaniiru. Bara bajatichaa waliigalteewwan faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisan 11 mallatteeffamanii paarlaamaan mirkanaa’uusaanii ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsaniiru. Dippilomaasii dinagdeetiinis hawaasni addunyaa waa’ee riifoormii dinagdee gooroo fi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hubannoo argachuun deeggarsa akka taasisu gochuuf hojjetamuu eeraniiru. Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen bara bajatichaa lammiileen biyyoota 21 keessatti rakkoo keessa turan kuma 131 biyyatti deebifamuu dubbataniiru. Ministeerri dhimma alaa bara bajatichaatti nageenyaa fi kabaja lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjechuusaa himaniiru. Dandeettiin Itiyoophiyaan konfaransii idil addunyaa keessummeessuuf qabdu guddachaa dhufuu eeranii, dhiheenyatti yaa’iiwwan idil addunyaa jajjaboon nitaa’amu jedhaniiru. Kanneen keessaa yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa fi yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan akka adeemsifaman eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaatti argaman yeroo Viizaa eyyamameefiin olitti turuun waan isaan gaafachiisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbi himaan kun ibsa kennaniin hubachiisaniiru. Lammiileen biyya biroo Viizaa Itiyoophiyaa argatanii dhufan yeroo turtii kennameefiin olitti turuun akkaataa seera biyyattiin kan adabsiisuuf ta’uu hubachuun ofeeggannoo akka taasisan cimsanii dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 222
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 323
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun nibarbaachisa-Miseensota mana maree
Jul 5, 2025 272
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun akka barbaachisu Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waxabajjii 26 bara 2017 raawwii karoora bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennuunsaanii niyaadatama. Ministirri muummee wayita kana akka jedhanitti, Bara kana qofa Konfaransiiwwan idil addunyaa 150 caalan Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaniiru. Kunis kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu dachaan dabaluu eeraniiru. Sabaoonni dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaa filatanii dhufaniif keessaa riifoormii immigireeshiniirratti taasifame, tajaajila daandii qilleensaa, bakkeewwan tuurizimii fi misooma kooriidarii wabeeffataniiru. Bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1 tuqaa 3 Itiyoophiyaa daawwachuusaanii fi kunis baay’ina amma ammaatti jirurraa guddaa ta’uu kaasaniiru. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yaadasaanii TOI’f kennan yaada kana nifudhatu. Miseensi mana maree Uztaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, misoomni saffisaa finageenyi Itiyoophiyaa fooyya’uunsaa akkasumas fudhatamni idil addunyaarratti qabdu dabaluunsaa dameen Tuurizimiin konfaransii akka dadammaqu godheera. Magaalattiin magaalaa muummee Afriikaa fi teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta’uunshee konfaransiif filatamtuu ieshee taasiseera jedhan. Miseensi mana maree kan biraan Dr. Kafanaa Ifaa gamasaaniin,Carraaqqiin Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Konfaransii Tuuriizimiif guutuuf taasiftee fi nageenyi argamaa jiru walgahiiwwan Afriikaa fi idil addunyaa akka keessummeessitu carraa uumeera. Nageenyi Itiyoophiyaatti mul’ate gara nageenya fulla’aatti jijjiiruun fudhatamaa fi dhageettiin idil addunyaa gabbisuuf hojjechuun akka barbaachisu miseensonni kunneen dubbataniiru. Namoonni miiliyoona 1 tuqaa 5 bara bajataa kana Paarkiin tokkummaa, golambaan Saayinsii, paarkiin michoomaa fi marasaa kan daawwatan yoo ta’u, kanarraas galiin birrii biiliyoona walakkaa argamuu ministirri muummee ibsaniiru.
Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree deeggarsasaa ittifufa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Jul 5, 2025 195
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree bakka bu’oota ummataa deeggarsasaa ciminaan akka ittifufu Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo ibsan. Waltajjiin waloo rawwii hojiiwwan riifoormii dhaabbatummaa dhaabbilee demokiraasii mana marichaaf itti waamamanii gaggeeffamaa jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ergaa baniinsa waltajjiirratti dabarsaniin, mirki namoomaa fi demokiraasii lammiilee akka kabajamu dhaabbileen demokiraasii qooda guddaa akka qaban ibsaniiru. Miroonni namoomaa fi demokiraasii lammiilee sirnaan akka kabajaman akkaataa heera mootummaatiin dhaabbileen demokiraasii bilisaa fo ofdanda’oon hundeeffamanii hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru. Dhaabbileen kunneen ittigaafatamasaanii sirnaan akka bahan gufuulee sera fi gurmaa’insarratti mul’atan akka sirraa’an riifoormiin hojjetamuu ibsaniiru. Manni marichaa qooda ijoo dhaabbileen demokiraasii ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf rakkoolee raawwiirratti mudatan furuuf kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Manni marichaa yeroo yerootti raawwii dhaabbilee qorachuun hanqinoota sera fi hojmaataa guutuuf deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru. Miidiyaaleen ajandaawwan nageenya biyyaa, tokkummaa fi misooma cimsan hubachiisuun ittigaafatama kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an riifoormii gochuusaanii himaniiru. Waltajjicharratti raawwiin karooraa riifoormii dhaabbatummaa boordii filannoo biyyaalessaa, komishinii miroota namoomaa Itiyoophiyaa, dhaabbata abbagaar ummata Itiyoophiyaa akkasumas tajaajila oduu Itiyoophiyaa, abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaa biroodkaast korporeeshinii fi dhaabbata pireesii Itiyoopiyaa dhihaatee nimari’atama.
Manni maree ministirootaa walgahiisaa 48ffaan murtoowwan garagaraa dabarse
Jul 4, 2025 273
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii 48ffaa har’a gaggeesseen murtoowwan garagaraa dabarse. Manni marichaa jalqaba kan mari’ate wixinee labsii lama mootummaan Itiyoophiyaa waldaa misoomaa idil addunyaa waliin deeggarsa faayinaansii fi walii galtee liqii imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hundagaleessa lammaffaaf raawwachiisuuf oolu SDR 258,100,000 fi pirojektii deeggarsa misooma daandii saffisaaf raawwachiisuuf oolu SDR 27,300,000.00 akka mirkanaa’an dhihaatan irrattidha. Liqiin lamaanuu dhalarraa bilisa, kafaltiin tajaajilaa dhibbantaan 0.75 kan itti kaffalamu ta’ee yeroo eeggachuu waggaa 6 dabalatee yeroo dheeraatti kan kaffalamanidha. Manni marichaa waliigaltee liqii kana sagalee guutuun mirkaneessee mama maree bakka bu’ootaa ummataaf akka qajeelfaman murteesseera. Itti aansuun labsii gibira galii federaalaa fooyyessuuf baherratti mari’ateera. Labsiin galii gibiraa federaalaa Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture haala dinagdee biyyaalessaa fi idil addunyaa amma jiruun yoo ilaalamu hanqinoota hedduu waan qabuuf tumaalee labsichaa fooyyessuun sirni taaksii qajeelfamoota taaksii bu’ura ta’an milkeessuuf haala dandeessisuun akka bocamu gochuun waan barbaachiseef labsiin fooyya’e mana maree ministirootaaf dhihaateera. Manni maree kun marii bal’aa taasisuun sagalee guutuun mirkaneessee mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera. Xumurarrattis walii galtee gamlamee mootummaa rippaabiliika demokiraatawaa Naayijeeriyaa waliin namoota paaspoortii dippilomaatikii fi Sarviisii qabaniif Viizaa hambisuuf mallatteeffama irratti mari’ateera. Waliigalteen kun anga’oonni mootummaa olaanoo, dippilomaatonnii fi lammiileen biyyoota lamaanii paaspoortii dippilomaatikii fi Sarviisii qaban hojiif wayita socho’an viizaa argachuuf haaldureewwan barbaachisanii fi yeroo fudhatu hubannoo keessa galchuun oolchuun akkasumas hariiroo gamlamee gama cimsuutiin faayidaa guddaa akka qabu amanamee mana mareef dhihaateera. Manni marees waliigaltee kanarratti mari’atee sagalee guutuun mirkaneessee mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.
Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa-obbo Adam Faaraah
Jul 1, 2025 329
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera. Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, bu’aa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan naannichatti galmaa’aa jiru ittifufsiisuuf waldeeggaruun hojjechuu barbaachisa. Konfaransichi naannichatti nagaa, misoomaa fi tokkummaa irratti jijjiirama gaarii fiduun fi fayyadama ummataa mirkaneessuun dhimmoota bulchiinsa gaarii sadarkaa caalutti ceesisuuf akka deeggaru eeraniiru.   Yeroo itti aanutti seenessoota qoqqoodan dhabamsiisuuf yaadama ida’amuutiin obbolimmaa fi obboleettummaa cimsuun imala badhaadhinaa si’achiisuu barbaachisa jedhaniiru. Sab-daneessummaa eenyummaa waloo gabbisan mirkaneessuuf komii darbe dhiifamaan bira darbuun egereef bu’aa caalu galmeessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo sadarkaa naannootti uumuun hooggansa ga’umsa qabuun akka gaggeeffaman gochuun dhaloota hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbu uumuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Inisheetiivota misoomaa garagaraa sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahun Kabbadaa gamasaaniin, bariituu naannichi hundeeffamee eegalee seenessoota waloo walooma cimsan hubachuusuuf hojiin hojjetame bu’aa buusuu dubbataniiru. Ija dandeettii naannichi misoomuu qabuun yoo ilaalamu ammallee hedduun akka hafu eeranii, gama hundaan bu’aa caalu galmeessisuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015