Diinagdee
Wiirtuun dhandhama bunaa kan jalqabaa Afriikaa Bahaatti hundeeffamuun isaa qulqullina  Buna al-ergii  fooyyessuuf gumaacha olaanaa taassiseera
Jun 30, 2025 37
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Wiirtuun dhandhama bunaa kan jalqabaa Afriikaa Bahaatti hundeeffamuun isaa qulqullina Buna al-ergii akka fooyya’uu fi dhaabileen biyya alaa dameesanarratti akka bobba’aniif gahee guddaa bahaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi shayii Itiyoophiyaa beeksise. Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Abba Taayitichaa Shaafii Umar TOI’f Akka ibsanitti, qulqullina bunaa fooyyessuuf wiirtuu dhandhama bunaa babal’isuun barabaachisaa ta’uu ibsaniiru. Afriikaa Bahaatti Wiirtuun dhandhama Bunaa isa jalqabaa kan ta’e hundeeffamuun qulqullinni al-ergee bunaa akka fooyya’uu fi dhaabileen alaa Damee Bunaa irratti akka bobba’aniif gahee guddaa akka gumaachu ibsaniiru. Waggootan jijiiramaa darbanitti Xiyyeeffannoo addaa damee Bunaaf kennameen, hojiirra oolmaa tarsiimoo bunaa, hojii caasaa fi qajeelfama fooyyessuuf hojjetamaa tureen jijiiramni qabatamaan galmaa’uu kaasaniiru. Biqiltuun Bunaa Biiliyoona 8 ol Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamuusaan omishitummaan akka fooyya’uu fi al-ergiin bunaa akka dabalu godheera jedhan. Bara Baajatichaa baatiwwan 11tti buna toonii kuma 280 fi 887 al-ergiif karoorfamee, Bunni tooniin kuma 409 fi 605 ergamuu fi galii guddaan argamu ibsaniiru. Fooyya’insa Damee Bunaan taassifameen Qotee bulaaf eeyyamni kennamee kallatiin Qonnaan Bulaan gara alaatti akka erguuf carraa uumuu fi kanaanis Qonnan Bulaan 100 ol Omisha Buna kallattiin alatti erguu jalqabuusaanii kaasaniiru. Dabalataanis,Tarsiimoo Bakka gabaa haaraatti babal’isuuf qophaa’e waliin walsimsiisuun barana biyyoota haaraa 20tti erguu eegaluu ibsaniiru. Pirezidaantiin Waldaa Buna biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dr.Huseen Amboo akka jedhanitti, Buna sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuuf taateewwan biyyalessaa fi idil addunyaa qopheessaa jiraachuu ibsaniiru. Bara 2018tti Turizimii fi Egzibiishinii buna Itiyoophiyaa qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniruu. Buna dhandama addaa Sidaamaa Sadarkaa Idila Addunyaatti beeksisuuf hojiin Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitii Hawaasaa waliin eegalame kanneen biroottis cimee itti fufa jedhaniiru. Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo naannoo bunni itti misoomaan waliin ta’uun Omishtummaa bunaa Qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf hojjechaa jirra jedhaniiru.
Pirojektiin daandii km. 14 ol marfata 18-ashawaa meedaa qabatee amma Keellaati hojjetamaa jiru saffisaa jira-bulchiinsicha
Jun 30, 2025 27
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Pirojektiin daandii km. 14 ol Finfinnee marfata 18-ashawaa meedaa- Keellaa hojjetamaa jiru saffisaa jiraachuu bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise. Pirojektiin daandii kun qaama daandii Finfinnee-Amboo-Naqamtee yoo ta’u, guddina dinagdee biyyattii hubannoo keesa galchuun sadarkaansaa eegamee hojjetamaa akka jiru bulchiinsichi ibseera. Pirojektiin daandii kun dinagdee biyyattii hubannoo keessa galchuun oomisha gabaa qaqqabsiisuuf karaa dandeessisuun daandilee qaxxaamura biyyaan akka walquunnamu taasifamee hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. TOI’n hooggantoota pirojektichaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa dubbiseera. Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti qindeessaan pirojektii injiinar Yohaannis Siyaayi akka ibsanitti, daandiin kun km. 14 tuqaa 72 kan dheeratu yoo ta’u, baatii sadii keessatti harka 20 raawwatameera. Amma dhuma bara kanaatti aspaaltiin akka uwwifamu ibsaniiru. Daandiin kun guddina magaalotaa, haala jireenya ammayyaa hawaasaa hubannoo keessa galchuun ijaaramaa kan jiru pirojektii daandii Ismaarti ta’uu dubbataniiru. Bal’inni daandii kanaa meetira 66 yoo ta’u kana keesaa daandiin afpaaltii meetira 50 ta’uu eeranii, daandii lafoo, bishkieetii, daandii fiigichaa fi bakkeewwan magariisaa akka qabu ibsaniiru. To’ataan pirojektichaa Injiinar Takkaalign Asraat gamasaaniin, daandiin qun qulqullina akka qabaatu sakatta’insi taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Diizaayinii ilaalchisee sadarkaa olaanaa kan guute ta’uu ibsanii, uwwisa aspaaltii sadarkaa sadii akka hojjetamuuf dubbataniiru. Daandiin marfata 18 amma keellaa jiru muddama tiraafikaa kan qabu ta’uu kan dubbatan konkolaachiftoota Mulugeetaa Gulummaa fi Geetaachoo Biyaadig yaada kennaniiru. Ijaarsi daanii haaraa kun rakkoo kana furuun konkolaachiftoonni yeroon bakka barbaadan akka gahan kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Riifoormiin Dinagdee Gooroo agarsiistuu hundaan bu’aa eegamu galmeessaa jira-Bulchaa Baankiii Biyyoolessaa Maammoo Mihiratuu
Jun 27, 2025 184
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Riifoormiin Dinagdee Gooroo Guutuun agarsiistuu hundaan bu’aa eegaman galmeessaa jiraachuu Bulchaa Baankiii Biyyoolessaa Maammoo Mihiratuu ibsan. Bulchaan Baankiii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu raawwii riifoormii Dinagdee Gooroo guutuu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin riifoormii Dinagdee gooroo guutuu guddina dinagdee itti fufaa galmeessuun adeemsa abdachiisaarra jiraachuu kaasaniiru. Riifoormiin Dinagdee Gooroo guutuu galii karoorfame argamsiisuun, liqaan irra deebi’amee akka ilaalamu gochuu, Dinagdee Gooroo Tasgabbaa’aan akka jiraatu gochuu, sharafa alaa guddisuu, akkasumas damee faayinaansii fayya qabeessa taassisuu fi kaayyoowwansaa biroo milkeessuurratti bu’aa boonsaan argamuu dubbataniiru. Bu’aa qabessummaa Raawwii Dinagdee Gooroo guutuu hojiirra oolaa jiraachuu kan ibsan Bulchaan Baankichaa, Daldala Al-ergee, kuufama sharafa alaa, qaala’insa gatii hir’isuun akkasumas kanneen biroon bu’aan gaariin argamaa jiraachuu ibsaniiru. Saganticha kan deeggaran keessaa Gabaasni Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa baase akka ibsetti, hojiirra oolmaa Rifoormii dinagdee gooroo Itiyoophiyaa galma karoorfamee ol milkeessuu mirkaneessuu eeraniiru. Riifoormiin Dinagdee Gooroo Guutuu hojiirra erga oolee booda qaala’insi gatii yeroo gara yerootti hir’achaa dhufuu ibsaniiru. Qaala’insi gatii soorataan walqabate dhibaentaa 12 gad ta’uu kan kaasan bulchaan baankichaa, dhuma bara dhufuurratti guutummaatti qaala’insi gatii gara dhibbantaa 10 gadiitti buusuuf hojiin hojjetamaa jirachuu dubbataniiru. Kanaanis Dinagdee Itiyoophiyaa fidurratti kan argamu sharafni alaa dabaluu kaasuun, baatiiwwan 11 darban raawwiin Al-ergii dabaluusaa ibsaniiru. Daldalli al-ergee biyyattii riifoormii sharafa alaan dura Doolaara Biiliyoona 3 tuqaa 8 akka ture hubachiisuun, yeroo ammaa dhuma bara kanaa irratti daldalli al-ergee doolaara biiliyoona 8 akka gahu eeraniiru.
Godinichatti Hojiileen fayyadama hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru
Jun 26, 2025 137
Waxabajjii 19/2017 (TOI)- Godina Iluu Abbaa Booraatti Hojiileen fayyidaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruun ibsame. Sagantaan Pirojektoota garagaraa ijaarsisaanii xumurame 656 Boqonnaa lamaan tajaajilaaf banaa taasisuuf qophaa’e har’a eegalameera. Waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame dabalatee pirojektoonni garagaraa aanaa Mattuutti ijaaraan eebbifamanii tajaajilaeegalaniiru. Komishinariin komishinii Manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shafii Huseen saganticharratti akka jedhanitti, Pirojektooni kunneen fayyadama hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa nimirkaneessu. Pirojektoota ijaaramaa turan 656 keessaa walakkaan amma Waxabajjii 30/2017tti eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa Indaalkaachoo Tafariiti. Godinichatti waliigala pirojektoonni sagantaalee bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa, Sagantaalee fi Tajaajilaan birrii biiliyoona 2 tuqaa 3’n ijaaraman ganna kana eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru. Gamoon waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame bakka hojii mijataa uumuurra darbee tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuuf mijataa ta’uu himaniiru. Bulchaan aanaa Mattuu obbo Garramuu Birhaanuu gamasaaniin, jiddugalli gabaa Birrii Miiliyoona 70’n ijaaramee fi pirojektoonni garagaraa ganna kana eebbifamuusaanii dubbataniiru. Jiddugalli Gabaa jiddugalli gabaa ganda Burruusaatti ijaarame kun fayyadamummaa jiraataa naannawaa fi qonnaan bultootaaf carraa gaarii uumuusaa jiraataan aanichaa ganda Burruusaa obbo Garramuu Bazzaabihdha. Kanaan dura qonnaan bulaan oomishasaa kallattiin fayyadamtootaaf akkasumas qonnaan bulaaf dhiheessuu waan hindandeenyeef faddaaltota seeraan alaan saamamaa turuusaa kan kaasan ammoo jiraataa godinichaa obbo Kaamil Shifaati. Jiddugalli gabaa kun qonnaan bulaaf qofa osoo hintaane daldalaafis faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaarratti hirmaannaa dippilomaasii Dinagdee ishee cimsan tasifteetti
Jun 26, 2025 133
Waxabajjii 19/2017(TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taasifamerratti hirmaannaa dippilomaasii dinagdeeshee cimsan taasisuushee ministeerri dhimma alaa beeksise. Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 17ffaan Kaleessa xumurameera. Yaa’ichi Itiyoophiyaan dippilomaasii biizinasii riifoormii dinagdee mandhlee waliin walitti hidhate kan itti cimsite ta’uu Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaddar Zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru. Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti marii gamlamee milkaa’aa taasisuusaanii dubbataniiru. Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Joo Leereensoo, Gorsaa olaanaa Afriikaa Pirezidaantii Ameerikaa Maasaad Bolos fi hojii raawwachiisaa olaanaa kaawunsilii korporeetii Afriikaa Filoorii Liizer waliin mari’achuusaaniis eeraniiru. Marii kana cinaattis Pirezidaant Taayyee dabalatee karaa hojii rawwachiisaan Itiyoophiyaa invastimant hooldiingis Dr. Buruuk Taayyee, fi Komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Dr. hirmaachuun Ejjennoo Itiyoophiyaa ibsuun danda’ameera jedhaniiru. Waliigalteen Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis fi tumsa faayinaansii idil addunyaa Ameerikaa jidduutti malatteeffame carraaqiiwwan gurguddoo Itiyoophiyaan damee Turizimiin jalqabde caalaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Waliigaltichi Kaappitaala Invastimantii doolaara miiliyoona dhibba lama caalu qabachuu eeraniiru. Yaa’ii Kanaan dandiin hariiroo uumamuusaanii ambaasaaddarichi dabalanii dubbataniiru. Yaa’iin kun oomishaalee Itiyoophiyaaf gabaa sakatta’uuf, carraa hojii bal’isuu fi bakkeewwan turizimii sakatta’uun invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 10ffaa Qopheessuunshee niyaadatama.
Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’ameera
Jun 26, 2025 45
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fi hubannoo qonnaan bulaa guddisuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’amuu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa Tarrafaa Araarsoo TOI’tti akka himanitti baatii kudhan keessatti godinichatti oomisha dammaa guddaa argachuuf karoorfamee hojjetamaa tureera. Haala Kanaan Inisheetiivii misooma dammaa hojeessuurra darbee hubannnoo qonnaan bultootaa guddisuun oomishtummaa fi fayyadamummaa hirmaattota misoomichaa guddisuun danda’amuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni gareen gurmaa’anii kanniisa horiisaa jiraniif gaagurru ammayyaa kuma 46 caalu qoodamuu eeranii, bu’aan gaariin argameeras jedhan. Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni kuma 24 caalan hirmaachuusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa qonnaan bulaan aanaa Walmaraa Geetaachoo Daandanaa akka jedhanitti, gaagura ammayyaa shan argataniin kanniisa horiisanii fayyadamaa jiru. Bara kana gaagura qaban 22n gahuun damma gaagura aadaa tokkorraa kiiloo 5 argachaa turan gaagura ammayyaa tokkorraa kiiloo 12 argachuusaanii ibsaniiru. Baranas gaagura ammayyaa 22 fi gaagura aadaa tokkorraa damma kiiloo 269 argachuusaanii fi hojii kana babal’isuuf akka isaan kakaase dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Amboo obbo Waldasamaayaat Lataa gamasaaniin kanniisa kan horsiisan hojii qonna idileen cinaatti waan ta’eef galii asirraa argataniin jireenyisaanii fooyya’aa jiraachuu eeraniiru. Gaagura ammayyaa, cehumsaa fi aadaa qaban irraa waggaatti al lama damma baasuun gabaaf dhiheessuu ibsanii, fuulduratti baay’inaan oomishuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Tajaajilli Tikkeettii Dijitaalaa Naannoo Oromiyaa Buufataalee Konkolaataa 260tti Hojiirra Ooleera
Jun 25, 2025 84
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti Damee Geejjibaa Ammayyeessuuf Hojii Hojjetameen Tajaajilli Tikkeettii Dijitaalaa Buufataalee Konkolaataa 260tti Hojiirra Ooluusaa Ejensiin Geejjibaa Naannichaa Beeksise. Ejensichatti Daarektarri Dhiheessii fi Bobbi Geejjibaa Obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’tti Akka Himanitti, Naannichatti Damee Geejjibaa Ammayyeessuuf Taffaaffiin Taasifamaa Jira. Kanneen Keessaa Buufataalee Konkolaataa fi Biirolee Tajaajila Geejjibaatti Hojmaata Dijitaalaan Gochuuf Tattaaffiin Taasifamuu Ibsaniiru. Haala Kanaan Hojmaata Badaa Buufata Konkolaataa Geejjiba Ummataatti Mul’atu Dhaabsisuuf Buufataalee Konkolaataa 260 Caalan Irratti Tajaajilli Tikkeet-Malee Hojiirra Oolee Bu’aan Argamaa Jiraachuu Dubbataniiru. Tikkeet-Malee Hojiirra OolchuunTajaajila Dijitaalaa Cimsuurra Darbee Sadarkaa Ejensichaatti Qormaata Eyyama Konkolaachisaa Karaa Dijitaalaa To’annaan Akka Taasifamu Godhamaa Jiraachuu Ibsaniiru. Fooyyessa Tajaajilaa Fooyyeen Itti taasifameen Bu’aa Bayiin Tajaajilamaarra Gahu Hir’achuu Eeranii, Rakkoolee Caalaa Kaffalchiisuu fi Teessoo Olitti Fe’uu Hir’isuuf Deeggaraa Akka Jiru Dubbataniiru. Tajaajilli Boolloo. Sakatta’insi Teekiniika Konkolaataa fi Haalli To’annaa Tiraafikaa Teeknooloojii Dijitaalaan Akka Deeggaramu Taasifamuu Dubbataniiru. Naannichatti Buufataalee Konkolaataa Ammayyaa Saddet Irratti Kaameeraan(CCTV) Maxxansuun Haala Buufata Konkolaataa Keessaa fi Naannawasaa Kallattiin Wajjira Muummee Irraa To’annaa fi Hordoffiin Taasifamaa Jira Jedhaniiru. Adabbiin Dambii Cabsuun Kaffalamu Bakka Jiranirraa Karaa Teelee Birrii Ta’uu Dubbatanii, Kafaltiin Tajaajila Geejjibaa Kallattiin Karaa Teelee Birrii Akka Ta’u Qophiin Xumuramuu himaniiru. Akkaataa Gurmaa’insa Gandaa Mootummaan Hojiirra Oolcheen Tajaajila Geejjibaa Amma Gandaatti Gochuuf Hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Godina Baaleetti Qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri kuma 257 ol misoomeera    
Jun 25, 2025 62
Waxabajjii 18/2017(TOI)-Godina Baaleetti Qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri kuma 257 ol sanyii gosa adda addaan misoomuu Qajeelchi Qonna Godinichaa Beeksise . Godina Baaleetti Bitootessa walakkaarraa hanga Hagayyaatti waqtiin Qonna Arfaasaa ta’uun ni beekama. Waajjira Qonnaa Godinichaatti ogeessi misooma midhanii Obbo Darajjee Girmaa akka jedhanitti, Qonna Arfaasaa bara Kanaan lafti hektaarri kuma 257 ol sanyii midhaanii adda addaan misoomeera. Kana Keessaa dhibbentaa 70 kan caalu Hojmaata Qonnaa fooyya’aa hojiirra oolchuun kilaasteraan misoomaa jiraachuu ibsaniiru. Qotee bulaan wabii nyaataa mirkaneesuuf tattaaffii taassisu cinaatti filannoowwan gabaa biyya keessaa fi biyya alaa giddugaleeffachuun akka omishu deeggarsi taassifamaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo Arfaasaa kana lafa waliigala misoomaa jiru keessaa hektaara kuma 40 kan caalu omisha gabbaa qaban saliixii, Maashoo, Boloqqee, fi Looziin misoomuu kaasaniiru. Roobni baranaa gaarii ta’uu ibsuun, keessumaa Naannoo Gammoojjiitti roobni gaariin waan tureef Midhaan Haala Gaariirra akka Jiruu fi Qonnaan Bulaan kunuunsaa Jiraachuu Ibsaniiru. Misooma midhaan haadhoo kuntaala miiliyeena 8 tuqaa1omishuuf galmi qabamuu ogeessichi dubbataniiru. Godinichatti Itti aanaa Bulchaa Aanaa Sinaanaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Fi Lafaa Obbo Mu’awwuyaa Fu’aad gamasaaniin, akka jedhanitti, Aanichatti Waqtii Arfaasaa bara kanaa lafti hektaarri kuma 50 qamadiin, garbuu fi midhaan biroon facaafamaniiru Jedhan. Keessattu facaasaa Arfaasaa baranaa Qonnaan Bulaan Ittiifayyadama Teekinooloojii Qonnaa fooyyesuun akkaataa kallattii Kaa’ameen Misooma walii galaa keessaa lafti dhibbentaa 60 caalu hojmaata fooya’oo fayyadamuun kilaasteraan misoomuu dubbataniiru . Qonnaan Bultoota Aanaa Sinaanaa Misoomicharratti hirmaachaa jiran keessaa Obbo Hasan Ahimad yaada kennaniin, Qonna Gannaa bardheengaddaatiin lafa hektaara tokkorraa Omishni Qamadii kuntaalli 60 ol Walitti qabamuu dubbataniiru. Waqtii Arfaasaa baranaa Hojmaata Qonnaa Fooyya’oo adda addaa fayyadamuun omisha fooya’aa walitti qabuun Akka Danda’amu Kunuunsi Taasifamaa Jiraachuu ibsaniiru. kan dandeessisan kunuunsi midhaaniif taassisaa jiraachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Ameerikaa Waliin Hojjechuuf Mallatteesse
Jun 24, 2025 82
Waxabajjii 17/2017(TOI)-Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Kaampaanii Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Ameerikaa Waliin Damee Hoteelaa fi Tuurizimiin Hojjechuuf Mallatteesse. Waliigalteen Kun Kan taasifame Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Bakka Argamanitti Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jiru Cinaattidha. Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Dr. Biruuk Taayyee fi Pirezidaantii fi Hojii Raawwachiisaan Kaampaanii Ameerikaa Gaaret Giish Mallatteessaniiru.   Waliigaltichi Dhaabbata Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Waliin Kaappitaala Doolaara Miiliyoona 200 Caaluun Damee Hoteelaa fi Turizimiin Itiyoophiyaa Keessatti Hojjechuuf Akka Dandeessisu Ibsameera. Waligaltichi Waliigaltee Invastimantii Guddicha Itiyoophiyaan Barbaadduu fi Sagantaa Misoomaa Ishee Waliin Deemu Ta’uu Pirezidaantiin RDFI Taayye Atsqasillaasee Kaasaniiru. Bu’aa Gaarii Itiyoophiyaan Damee Tuurizimiin Galmeessisaa Jirtu caalaatti Fullaasuuf Humna Dabalataa Akka Ta’us Kaasaniiru. Waliigaltichi Wayita Itiyoophiyaan Damee Turizimiin Bu’aa Gaarii Galmeessisaa Jirtutti Mallatteeffamuusaa Eeran Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Dr. Biruuk Taayyee.   Waliigalteen Har’a Taasifame Bu’aalee Jajjabeessoo Damee Kanaan Galma’an Fullaasuuf Akka Dandeessisu Eeranii, Kaampaanichi Hirmaannaa Itiyoophiyaatti Taasisu Afriikaattillee Dhiibbaa Qabaachuu Akka Danda’u Dubbataniiru. Pirezidaantii fi Hojii Rawwachiisaan Dhaabbata Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa AmeerikaaGaaret Giish Gamasaaniin, Waliigaltichi Ameerikaa Afriikaa Ilaalchisee Dippilomaasii Daldalaa fi Invastimantii Cimsuuf Yaadde Kan Hordofe Ta’uu Dubbataniiru. Akkaataa Kanaan Dhaabbatichi Hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaa Keessaa Qabuun Guddina Damee Hoteelaa fi Turizimii Itiyoophiyaaf Gumaachasaa Akka Taasisu Amantaa Qaban Eeruusaanii TOI’n Bakkarraa Gabaaseera.​​​​​​​
Badhaadhina waloo Afriikaa fi Ameerikaaf tumsi damee dhuunfaa murteessaadha – Gamtaa Afriikaa
Jun 24, 2025 63
Waxabajjii 17/2017(TOI)-Walta’insi damee dhuunfaa Afriikaa fi Ameerikaa Badhaadhina Waloof murteessaa ta’uu durataa’aan komishinii Gamtaa Afriikaa Mohammad Alii Yuusuuf dubbatan. TOI bakkarraa akka agabaasetti, Durataa’ichi yaa’ii Biizinasii Afriikaa-Ameeriikaa Angoolatti gaggeeffamaa jiru irratti haasaa taassisaniin, Tumsi Daldalaa fi Invastimantii Afrikaa fi Ameeriikaa cimuu akka qabu ibsaniiru. Hariiroon biizinasii gama lameen jiru badhaadhina waloo mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Yeroo ammaa Afrikaan Qabeenya Namaa fi Uumamaa Qabduun Akkasumas Hojiin Kalaqaa Babal’achaa Wayita Jiru Boqonnaa Jijjiiramaa Bu’uraarra Akka Jirtu Eeranii, Kaana Fuulduratti Tarkaanfachiisuu Barbaachisa Jedhaniiru. Gamtaan Afriikaa Ardichatti hirmaannaan damee dhuunfaa kallattii adda addaan akka dagaaguu fi guddina Ardichaa itti fufinsa akka qabaatuuf deeggaruu ibsuun, kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Haala Kanaan Kaampaaniiwwan Ameerikaa biyyoota Afriikaa adda adddaatti Invastimantii irratti akka bobba’an gaafachuun, yeroo ammaa Ajandaa 2063 Milkeessuuf haasa’uu bira darbee tattaaffiin fi tarkaanfiin waloo akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’icharratti Pirezidaantiin Rippabilika Federalaa ItiyoophiyaaTaayyee Atseqe Sillaasee dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa adda addaa, Ministiroonni, Qondaaltonni olaanoo Mootummaa, akkasumas Qondaaltonni olaanoo mootummaa Ameerikaa, Hoggantoonni Biizinasii gama lachuurraa dhufan Hirmaachaa jiru.
Ameerikaan Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Kutannoo Qabdi- Ambaasaaddar Tirooyi Fiitrel
Jun 24, 2025 46
Waxabajjii 17/2017(TOI)- Ameerikaan Bara Bulchiinsa Tiraamp Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Waliin Qabdu Caalaatti Cimsuuf Kutannoo Akka Qabdu Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Hoogganaa Olaanaa Biiroo Afriikaa Ambaasaaddar Tirooyi Fiitrel Ibsan. Ambaasaaddar Tirooyi Fiitler Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Magaalaa Muummee Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jirurratti Haasawa Taasisaniin, Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Biyyisaanii Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Nihojjetti Jedhaniiru. Imaammanni Dhimma Alaa Ameerikaan Afriikaa Ilaalchisuun Hordoftu Akkaataa Kallattii Dippilomaasii Biizinasii Irratti Akka Bu’uureffatu Kaa’ameen Embaasiiwwan Ameerikaa Afriikaatti Argaman Kallattii Kaa’ameen Hojjechaa Akka Jiran Kaasaniiru. KanaanWal Qabatee Murteen Amma Hojmaata Jijjiiruutti Gahu Darbuu Eeraniiru. Kana Cinaattis Damee Daldalaatiin Hirmaattonni Afriikaa fi Ameerikaa Jidduu Jiran Fayyadamoo Akka Ta’an Yaaduun Gabaan Waloo Jijjiirama Attamii Barbaachisa Jechuun Qaamolee Dhimmi Ilaalu Waliin Hojjetamaa Akka jiru Himaniiru. Keessumaa Kana Booda Walitti Hidhamiinsa Daldalaa Cimsuuf Anga’oonni Olaanoo Ameerikaa Imala Afriikaatti Taasisaniin Bakka Bu’oonni Biizinasii Isaan Waliin Akka Ergamanii fi Mariilee Daldalaa fi Invastimantii Akka Godhan Nitaasifama Jedhan. Gama Biraan Hirmaannaa Ameerikaan Hammattoo Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Qabdurratti Keessumaa Hirmaannaa Ijaarsa Bu’uraalee Misoomaa Ijoo Ta’an Taasisaniin Gamatti Bu’ura Misoomaa Dijitaalaa Babal’isuurratti Caalaatti Akka Hojjetamu Eeraniiru. Kun Ammoo Afriikaan Sirna Gabaa Addunyaa Keessatti Hirmaannaa Bu’a Qabeessa Akka Qabaattu Nitaasisa Jedhaniiru. Hojiin Daldalaa fi Invastimantii Ameerikaa Afriikaaf Hedduu Fayyada Kan Jedhan Ambaasaaddar Tirooyi, Hojiin Biizinasii Ameerikaa Irra Caalaa Teeknooloojii Haaraa fi Hojii Kalaqaarratti Kan Xiyyeeffatu Ta’uu Dubbachuusaanii Agabaasaan TOI Bakkarraa Gabaaseera.
Pirezidaantiin Baankii Afriikaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Ameerikaan Afriikaatti Invastimantii Akka Babal’iftu Dhaaman
Jun 24, 2025 36
Waxabajjii 17/2017(TOI)- Pirezidaantiin Baankii Afriikaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Ameerikaan Hirmaannaa Invastimantii Afriikaatti Akka Babal’iftu Gaafatan. Yaa’iin Biizinasii Afriikaa fi Ameerikaa Magaalaa Guddoo Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jira. Ameerikaan Dandeettii Kaappitaalaa Olaanaa Waan Qabduuf Hirmaannaa Invastimantii Ariikaatti Akka Bal’iftuu fi Tumsa Tarsiimawaa Afriikaa Waliin Qabdu Akka Cimsitu Pirezidaantichi Yaa’icharratti Gaafataniiru. Dureeyyi Abshaalli Kamiyyuu Invastimantii Wayita Yaadu Afriikaa Yaadachuu Qaba Kan Jedhan Pirezidaantichi Kanaaf Ammoo Afriikaan Bakka Invastimantii Guddaa Waan Taateef Akka Ta’e Tokko Lama Jedhanii Ibsaniiru. Biyyoota Addunyaarratti Guddina Dinagdee Si’ataa Galmeessisaa Jiran Keessaa Biyyoonni Afriikaa Hedduun Akka Jiran Kaasaniiru. Lafti Hinqotamne Hedduu fi Albuudonni Cehumsa Anniisaa Dhugoomsuu Dandeessisan Jiraachuun Afriikaa Filatamtuu Ishee Taasisa Jedhaniiru. Waltajjicharratti Ana Osoo Hintaame Odeeffannoo Kana manaa Kan Jedhan Pirezidaantiin Baankichaa Odeeffannoo Mootummootaa Eeruun Afriikaa Keessatti Invast Gochuun Baasii Irraa Bu’aa Dhibbantaa 15 Amma 20 Deebii Akka Argamsiisu Himaniiru. Qooda Hooggansaa Pirezidaantichi Damee Dinagdeetiin Afriikaatti Gumaachaniif Beekamtiin Kennameeraaf. Beekamtiin Kun Pirezidaantiin Bankichaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Baankiin Imaammataa Afriikaa Waggoota 10 Darban Gaggeessan Haalli JIreenyaa Lammiilee Miiliyoonaan Lakkaa’amanii Akka Fooyya’uu fi Misoomni Ardichaa Akka Si’atu Qooda Hooggansaa Gumaachaniif Tilmaama Keessa Kan Galche Ta’uun Eeramuusaa TOI’n Bakkarraa Gabaaseera. Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee Dabalatee Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa, Hooggantoonni Olaanoo Mootummootaa, Akkasumas Anga’oonni Olaanoo Mootummaa Ameerikaa, Gaggeessitoonni Biizinasii Gamalamaanii Yaa’ii Kanarratti Hirmaachaa Jiru.
Foramiin Biizinasii Afriikaa-Ameerikaa Itiyoophiyaan Itti Hirmaattu Luwaandaatti Eegalame
Jun 23, 2025 110
Waxabajjii 16/2017 (TOI)-Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa fi Hooggantoonni Olaanoon Mootummaa Ameerikaa Bakka Argamanitti Angoolaa Luwaandaatti Ifatti Eegalameera. Gareen Jilaa Itiyoophiyaa Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasilleeseen Durfamu Yaa’icharratti Hirmaachuuf Kaleessa Waaree Luwaandaa Galuusaa TOIn Bakkarraa Gabaaseera. Gareen Jilaa Kun Angoolaa Wayita Gahu Hooggantoota Olaanoo Biyyattiin Simatameera. Yaa’iin Kun Angoolaatti Gaggeeffamuunsaa keessumaa Biyyattii Waggaa Bilisummaashee 50ffaa Wayita Kabajjutti Ta’uusaa fi Pirezidaantiin Angoolaa Jo’aa’oo Looreensoo Dura Taa’aa gamtaa Afriikaa Kan Yeroo Wayita Ta’anitti Ta’uunsaa Kan Adda Taasisudha jedhaniiru. Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa, Ministiroonni Gaggeessitoota Mootummaa Olaanoo Dabalatee Akkasumas Anga’oota Mootummaa Ameerikaa, Gaggeessitoota Biizinasii Gama Lamaanii Dabalatee Hirmattonni kuma 1 fi 500 Nihirmaatu Jedhameetu Eerama. Yaa’ichi Haala mijataa fi Carraalee Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Afriikaa fi Ameerikaa Jidduu Jiru Ilaalchisee Mari’achuun Kallattiiwwan Fuulduraa Akka Kaa’u Ni’amanama. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Yaa’ii Kanarratti Haasawa Kan Taasisan Yoo Ta’u Yaa’ichaan Cinaattis Marii Gamlamee Garagaraa Akka Taasisan TOI’n Bakkarraa Gabaaseera. Haala Walfakkaatuun Miseensonni Garee Jila Olaanaa Itiyoophiyaa Yaa’icharratti Marii Paanaalii fi Walgahiiwwan Biroorratti Nihirmaatu.
Gilgal Gibee Sadii bara kana sa’aatii  tokkotti humna Ibsaa Gigawaattii Kuma 7 maddisiisuu danda’eera
Jun 23, 2025 85
Waxabajjii 16/2017(TOI)-Hidhi Aannisaa maddisiisu Gilgalgibee sadii bara kana sa’aatiitti humna ibsaa giiggaa waattii kuma 7 Maddisiisuun dinagdee guddisuu keessatti gahee olaanaa Bahuu isaa hojii gaggeessaan humna Hidha madda Anniisichaa Obbo Habataamuu saamu’eel Ibsan. Keeniyaa dabalatee biyyoota riijinichaaf humna ibsaa dhiheessuun qooda olaanaa bahaa jiraachuu dubbataniiru. Hidhi humna ibsaa kun humna haaromsaa dabaluu fi gaazii qilleensa faalu hir’isuun Dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa taassisaa jira. Hojii gaggeessaan Madda humna Elektiriikii Gilgalgibee sadii Habtaamuu Sammuu hidhichi bara 2009 xumuramee tajaajila eegaluu yaadachiisaniiru. Pirojektii guddaa Yeroo ammaa dhiheessii humna ibsaa irratti qooda olaanaa qabachuun dinagdee biyyaaf shoora olaanaa bahaa kan jiru ta’uu ibsaniiru. Hidhichi humna ibsaa giiggaa waattii kuma 1 fi 870 maddisiisuu kan danda’u yoo ta’u Hidha Haaromsa guddicha Itiyophiyaatti Aanee Humna guddaa Elektiriikii Maddisiisu ta’uu dubbataniiru. Hidhi humna Elektiriikii gilgal gibee 3 dhiheessii humna ibsaa biyyattii dhibbantaa 50 Gumaachuun biyyoota ollaaf humna ibsaa kennuun gahee olaanaa bahaa jira jedhanniru. Adeemsi hojii Hidha humna Aannisaa Ogeessota Itiyoophiyaa gahoomaniin hogganamaa akka jiru ibsaniiru. Gilgalgibee 3 fedhii humna ibsaa biyyoolessaa guddachaa dhufeef deebii kennuun gahee guddaa bahaataa jiraachuu eeraniiru. Bara kana annisa sa’aatiitti Giiggaa waattii kuma 7 maddisiisuun sochii dinagdeef gahee olaanaa Bahachaajira jedhaniiru.
Giddugallli Gabaa Magaalaa Finfinneetti babal’achuun omisha ga’aa  gatii madaalawaan argachuuf nu dandeessiseera -fayyadamtoota
Jun 23, 2025 66
Waxabajjii 16/2017(TOI)- Giddugalli gabaa Magaala Finfinneetti babal’achuun omisha ga’aa gatii madalawaan argachuu isaan dandeessisuu fayyadamtoonni TOIn dubbise ibsan. Giddugalli gabaa Magaalittiitti ijaaraman omishtootaa fi Shamattoota gidduutti riqicha tokko ta’ee kallattiin wal-quunnamsiisuun qaala’insa gatii fi qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda guddaa gumaachaa jira. TOI Gidduu gala gabaa kana keessaa tokko kanta’e sochii gidduu gala gabaa hunda galeessa Nifaas Silki Laaftoo Lakkoofsa 2 daawwateera. Fayyadamtoonni akka jedhanitti, kuduraa fi muduraa fi omisha midhaanii gatii madaalawaan gidduugalicharraa bitachaa fi fayydamaa jiraachuu kaasaniiru. Gidduugalichatti shamataa Osoo Jirtuu Kan dubbifne Ababech Asaffaa akka ibsitetti, gidduugalichatti Muduraa fi kuduraa gosa hunda gatii madaalawaan bitachuu ibsuun, gatii madaalawaan tajaajila argachuushee dubbatteetti. Fayyadamaa biroo dubbisne Tamaam Jamaal gamasaaniin, mootummaan gidduugala gabaa naannoo keenyati ijaaruusaatiin Muduraa fi kuduraa, omisha midhaanii gatii madaalawaan Dhiheenyatti bitachuu danda’uun aaragalfii kan kenneef ta’uu dubbataniiru. Gatiin gidduugalichaa fi gabaa alaa garaagarummaa guddaa qabaachuu fi gatii humna keenya giduugaleeffateen bitachaa jirra jechuun Yemisirach Abaayinaa dubataniiru.   Omishtoota Giduugalichatti dubbisne keessaa Obbo Tasfaahun Wajii akka jedhanitti, gidduugalli gabaa jiraachuu isaan dhiheessii gabaabsuu fi omisha fayyadamtootaaf gahuuf carraa kan uume ta’uu dubbataniiru. Omishni midhaanii Xaafiin qarshii kuma 10n eegalee , Qullubbiin qarshii 35n eegalee gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu dubbataniiru. Omishaa Kan biroon dubbisne obbo Darajjee Gaarii gamasaaniin, omisha gabaa alaarraa dhibbantaa 20 hir’isuun uummataaf dhiyeessuusaanii dubbataniiru. Hogganaan walii gala daldala gidduugala Laaftoo lakkoofsa 2 Obbo Jamaal Haajii sa’iid akka ibsanitti, Ijaaramuun gidduugala gabaa walitti dhufeenya oomishtootaa fi Shamattootaa shoora guddaa taphachuu dubbataniiru. Itti Aanaan Biiroo Daldala Magaalaa Finfinnee Obbo Fissahaa Xibabuu biirichi Gabaa tasgabbeessuuf Sanbataa fi Dilbata dabalatee naannoo biyyittii hundarraa omishni akka galuu gochaa jiraachuu ibsaniiru .
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015