Badhaadhina waloo Afriikaa fi Ameerikaaf tumsi damee dhuunfaa murteessaadha – Gamtaa Afriikaa - ENA Afaan Oromoo
Badhaadhina waloo Afriikaa fi Ameerikaaf tumsi damee dhuunfaa murteessaadha – Gamtaa Afriikaa

Waxabajjii 17/2017(TOI)-Walta’insi damee dhuunfaa Afriikaa fi Ameerikaa Badhaadhina Waloof murteessaa ta’uu durataa’aan komishinii Gamtaa Afriikaa Mohammad Alii Yuusuuf dubbatan.
TOI bakkarraa akka agabaasetti, Durataa’ichi yaa’ii Biizinasii Afriikaa-Ameeriikaa Angoolatti gaggeeffamaa jiru irratti haasaa taassisaniin, Tumsi Daldalaa fi Invastimantii Afrikaa fi Ameeriikaa cimuu akka qabu ibsaniiru.
Hariiroon biizinasii gama lameen jiru badhaadhina waloo mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Yeroo ammaa Afrikaan Qabeenya Namaa fi Uumamaa Qabduun Akkasumas Hojiin Kalaqaa Babal’achaa Wayita Jiru Boqonnaa Jijjiiramaa Bu’uraarra Akka Jirtu Eeranii, Kaana Fuulduratti Tarkaanfachiisuu Barbaachisa Jedhaniiru.
Gamtaan Afriikaa Ardichatti hirmaannaan damee dhuunfaa kallattii adda addaan akka dagaaguu fi guddina Ardichaa itti fufinsa akka qabaatuuf deeggaruu ibsuun, kunis cimee itti fufa jedhaniiru.
Haala Kanaan Kaampaaniiwwan Ameerikaa biyyoota Afriikaa adda adddaatti Invastimantii irratti akka bobba’an gaafachuun, yeroo ammaa Ajandaa 2063 Milkeessuuf haasa’uu bira darbee tattaaffiin fi tarkaanfiin waloo akka barbaachisu dubbataniiru.
Yaa’icharratti Pirezidaantiin Rippabilika Federalaa ItiyoophiyaaTaayyee Atseqe Sillaasee dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa adda addaa, Ministiroonni, Qondaaltonni olaanoo Mootummaa, akkasumas Qondaaltonni olaanoo mootummaa Ameerikaa, Hoggantoonni Biizinasii gama lachuurraa dhufan Hirmaachaa jiru.