Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Ameerikaa Waliin Hojjechuuf Mallatteesse

Waxabajjii 17/2017(TOI)-Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Kaampaanii Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Ameerikaa Waliin Damee Hoteelaa fi Tuurizimiin Hojjechuuf Mallatteesse.

Waliigalteen Kun Kan taasifame Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Bakka Argamanitti Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jiru Cinaattidha.

Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Dr. Biruuk Taayyee fi Pirezidaantii fi Hojii Raawwachiisaan Kaampaanii Ameerikaa Gaaret Giish Mallatteessaniiru.
 

Waliigaltichi Dhaabbata Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa Waliin Kaappitaala Doolaara Miiliyoona 200 Caaluun Damee Hoteelaa fi Turizimiin Itiyoophiyaa Keessatti Hojjechuuf Akka Dandeessisu Ibsameera.

Waligaltichi Waliigaltee Invastimantii Guddicha Itiyoophiyaan Barbaadduu fi Sagantaa Misoomaa Ishee Waliin Deemu Ta’uu Pirezidaantiin RDFI Taayye Atsqasillaasee Kaasaniiru.

Bu’aa Gaarii Itiyoophiyaan Damee Tuurizimiin Galmeessisaa Jirtu caalaatti Fullaasuuf Humna Dabalataa Akka Ta’us Kaasaniiru.

Waliigaltichi Wayita Itiyoophiyaan Damee Turizimiin Bu’aa Gaarii Galmeessisaa Jirtutti Mallatteeffamuusaa Eeran Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis Dr. Biruuk Taayyee.
 

Waliigalteen Har’a Taasifame Bu’aalee Jajjabeessoo Damee Kanaan Galma’an Fullaasuuf Akka Dandeessisu Eeranii, Kaampaanichi Hirmaannaa Itiyoophiyaatti Taasisu Afriikaattillee Dhiibbaa Qabaachuu Akka Danda’u Dubbataniiru.

Pirezidaantii fi Hojii Rawwachiisaan Dhaabbata Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa AmeerikaaGaaret Giish Gamasaaniin, Waliigaltichi Ameerikaa Afriikaa Ilaalchisee Dippilomaasii Daldalaa fi Invastimantii Cimsuuf Yaadde Kan Hordofe Ta’uu Dubbataniiru.

Akkaataa Kanaan Dhaabbatichi Hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaa Keessaa Qabuun Guddina Damee Hoteelaa fi Turizimii Itiyoophiyaaf Gumaachasaa Akka Taasisu Amantaa Qaban Eeruusaanii TOI’n Bakkarraa Gabaaseera.​​​​​​​

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015