Lubbu qabeeyyii heddoota Caalaatti Faayidarra Oolchuuf Tumsaan Hojjechuu Barbaachisa-Rd.Girmaa Amantee

Waxabajjii 19/2017(TOI)-Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii hedduun ummatashee kan ittifayyadduu fi karaa hiyyummaa ittiin mo’attu gochuuf tumsaan hojjechuun akka barbaachisu Miistirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee ibsan.

Hojii Inistiitiyuutiin lubbu qabeeyyii heddootaa Itiyoophiyaa raawwachaa jiruu fi kallattii fuulduraa ilaalchisee hooggantoota biiroo Naannoo waliin mari’atamaa jira.

Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Lubbuqabeeyyii heddoota dabalatee Qabeenyaa fi kennaa hedduu qabdi.

Itiyoophiyaan Sanyii Biqiltuu Kuma 6 Olii fi Beelladaa kuma 7 ol akka qabduu fi kana keessaa harki 10 Itiyoophiyaa qofatti akka argaman dubbataniiru.

Faayidaa lubbu qabeeyyii heddootaa qabduu beekuu fi eeguu akkasumas hawaasa fayyadamaa taasisuu Barbaachisa jedhniiru.

Lubbu qabeeyyiin heddootaa soorataa fi rawaaf akkasumas faayidaa garagaraa akka qaban ibsanii, lubbu qabeeyyiin heddootaa jireenyaa fi nageenya nama Waliin kan walqabate ta’uu eeraniiru.

Sababa jijjiirama qilleensaa fi namtolchee garagaraan xiqqachaa dhufuu fi balaan badiinsaa  gufuu itti ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii hedduun ummatashee kan ittifayyadduu fi karaa hiyyummaa ittiin mo’attu gochuuf tumsaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015