Foramiin Biizinasii Afriikaa-Ameerikaa Itiyoophiyaan Itti Hirmaattu Luwaandaatti Eegalame

Waxabajjii 16/2017 (TOI)-Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa fi Hooggantoonni Olaanoon Mootummaa Ameerikaa Bakka Argamanitti Angoolaa Luwaandaatti Ifatti Eegalameera.

Gareen Jilaa Itiyoophiyaa Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasilleeseen Durfamu Yaa’icharratti Hirmaachuuf Kaleessa Waaree Luwaandaa Galuusaa TOIn Bakkarraa Gabaaseera.

Gareen Jilaa Kun Angoolaa Wayita Gahu Hooggantoota Olaanoo Biyyattiin Simatameera.

Yaa’iin Kun Angoolaatti Gaggeeffamuunsaa keessumaa Biyyattii Waggaa Bilisummaashee 50ffaa Wayita Kabajjutti Ta’uusaa fi Pirezidaantiin Angoolaa Jo’aa’oo Looreensoo Dura Taa’aa gamtaa Afriikaa Kan Yeroo Wayita Ta’anitti Ta’uunsaa Kan Adda Taasisudha jedhaniiru.

Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa, Ministiroonni Gaggeessitoota Mootummaa Olaanoo Dabalatee Akkasumas Anga’oota Mootummaa Ameerikaa, Gaggeessitoota Biizinasii Gama Lamaanii Dabalatee Hirmattonni kuma 1 fi 500 Nihirmaatu Jedhameetu Eerama.

Yaa’ichi Haala mijataa fi Carraalee Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Afriikaa fi Ameerikaa Jidduu Jiru Ilaalchisee Mari’achuun Kallattiiwwan Fuulduraa Akka Kaa’u Ni’amanama.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Yaa’ii Kanarratti Haasawa Kan Taasisan Yoo Ta’u Yaa’ichaan Cinaattis Marii Gamlamee Garagaraa Akka Taasisan TOI’n Bakkarraa Gabaaseera.

Haala Walfakkaatuun Miseensonni Garee Jila Olaanaa Itiyoophiyaa Yaa’icharratti Marii Paanaalii fi Walgahiiwwan Biroorratti Nihirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015