Tajaajilli Tikkeettii Dijitaalaa Naannoo Oromiyaa Buufataalee Konkolaataa 260tti Hojiirra Ooleera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Tikkeettii Dijitaalaa Naannoo Oromiyaa Buufataalee Konkolaataa 260tti Hojiirra Ooleera

Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti Damee Geejjibaa Ammayyeessuuf Hojii Hojjetameen Tajaajilli Tikkeettii Dijitaalaa Buufataalee Konkolaataa 260tti Hojiirra Ooluusaa Ejensiin Geejjibaa Naannichaa Beeksise.
Ejensichatti Daarektarri Dhiheessii fi Bobbi Geejjibaa Obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’tti Akka Himanitti, Naannichatti Damee Geejjibaa Ammayyeessuuf Taffaaffiin Taasifamaa Jira.
Kanneen Keessaa Buufataalee Konkolaataa fi Biirolee Tajaajila Geejjibaatti Hojmaata Dijitaalaan Gochuuf Tattaaffiin Taasifamuu Ibsaniiru.
Haala Kanaan Hojmaata Badaa Buufata Konkolaataa Geejjiba Ummataatti Mul’atu Dhaabsisuuf Buufataalee Konkolaataa 260 Caalan Irratti Tajaajilli Tikkeet-Malee Hojiirra Oolee Bu’aan Argamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Tikkeet-Malee Hojiirra OolchuunTajaajila Dijitaalaa Cimsuurra Darbee Sadarkaa Ejensichaatti Qormaata Eyyama Konkolaachisaa Karaa Dijitaalaa To’annaan Akka Taasifamu Godhamaa Jiraachuu Ibsaniiru.
Fooyyessa Tajaajilaa Fooyyeen Itti taasifameen Bu’aa Bayiin Tajaajilamaarra Gahu Hir’achuu Eeranii, Rakkoolee Caalaa Kaffalchiisuu fi Teessoo Olitti Fe’uu Hir’isuuf Deeggaraa Akka Jiru Dubbataniiru.
Tajaajilli Boolloo. Sakatta’insi Teekiniika Konkolaataa fi Haalli To’annaa Tiraafikaa Teeknooloojii Dijitaalaan Akka Deeggaramu Taasifamuu Dubbataniiru.
Naannichatti Buufataalee Konkolaataa Ammayyaa Saddet Irratti Kaameeraan(CCTV) Maxxansuun Haala Buufata Konkolaataa Keessaa fi Naannawasaa Kallattiin Wajjira Muummee Irraa To’annaa fi Hordoffiin Taasifamaa Jira Jedhaniiru.
Adabbiin Dambii Cabsuun Kaffalamu Bakka Jiranirraa Karaa Teelee Birrii Ta’uu Dubbatanii, Kafaltiin Tajaajila Geejjibaa Kallattiin Karaa Teelee Birrii Akka Ta’u Qophiin Xumuramuu himaniiru.
Akkaataa Gurmaa’insa Gandaa Mootummaan Hojiirra Oolcheen Tajaajila Geejjibaa Amma Gandaatti Gochuuf Hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.