Pirezidaantiin Baankii Afriikaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Ameerikaan Afriikaatti Invastimantii Akka Babal’iftu Dhaaman

Waxabajjii 17/2017(TOI)- Pirezidaantiin Baankii Afriikaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Ameerikaan Hirmaannaa Invastimantii Afriikaatti Akka Babal’iftu Gaafatan.

Yaa’iin Biizinasii Afriikaa fi Ameerikaa Magaalaa Guddoo Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jira.

Ameerikaan Dandeettii Kaappitaalaa Olaanaa Waan Qabduuf Hirmaannaa Invastimantii Ariikaatti Akka Bal’iftuu fi Tumsa Tarsiimawaa Afriikaa Waliin Qabdu Akka Cimsitu Pirezidaantichi Yaa’icharratti Gaafataniiru.

Dureeyyi Abshaalli Kamiyyuu Invastimantii Wayita Yaadu Afriikaa Yaadachuu Qaba Kan Jedhan Pirezidaantichi Kanaaf Ammoo Afriikaan Bakka Invastimantii Guddaa Waan Taateef Akka Ta’e Tokko Lama Jedhanii Ibsaniiru.

Biyyoota Addunyaarratti Guddina Dinagdee Si’ataa Galmeessisaa Jiran Keessaa Biyyoonni Afriikaa Hedduun Akka Jiran Kaasaniiru.

Lafti Hinqotamne Hedduu fi Albuudonni Cehumsa Anniisaa Dhugoomsuu Dandeessisan Jiraachuun Afriikaa Filatamtuu Ishee Taasisa Jedhaniiru.

Waltajjicharratti Ana Osoo Hintaame Odeeffannoo Kana manaa Kan Jedhan Pirezidaantiin Baankichaa Odeeffannoo Mootummootaa Eeruun Afriikaa Keessatti Invast Gochuun Baasii Irraa Bu’aa Dhibbantaa 15 Amma 20 Deebii Akka Argamsiisu Himaniiru.

Qooda Hooggansaa Pirezidaantichi Damee Dinagdeetiin Afriikaatti Gumaachaniif Beekamtiin Kennameeraaf.

Beekamtiin Kun Pirezidaantiin Bankichaa Dr. Akiinwumii Adeesinaa Baankiin Imaammataa Afriikaa Waggoota 10 Darban Gaggeessan Haalli JIreenyaa Lammiilee Miiliyoonaan Lakkaa’amanii Akka Fooyya’uu fi Misoomni Ardichaa Akka Si’atu Qooda Hooggansaa Gumaachaniif Tilmaama Keessa Kan Galche Ta’uun Eeramuusaa TOI’n Bakkarraa Gabaaseera.

Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee Dabalatee Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa Garagaraa, Hooggantoonni Olaanoo Mootummootaa, Akkasumas Anga’oonni Olaanoo Mootummaa Ameerikaa, Gaggeessitoonni Biizinasii Gamalamaanii Yaa’ii Kanarratti Hirmaachaa Jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015