Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Pirezidaantii Kokakollaa Afriikaa Liiyusaa Orteegaa Waliin Mari’atan

Waxabajjii 16/2017(TOI)- Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaatti Taa’amaa Jiru Cinaatti Pirezidaantii Kokakollaa Afriikaa Liiyusaa Orteegaa Waliin Mari’ataniiru.

Mariin Taasisan Haala Kokakollaan Invastimantiisaa Itiyoophiyaatti Bal’isuu Danda’urratti Kan Xiyyeeffate Ta’uu Maricha Kan Hordofan Ministeera Dhimma Aalaatti Ittaanaa Daarektar Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ambasaaddar Mullee Taarraqany TOI’f Ibsaniiru.

Kokakollaan Akka Lakkoofsa Awurooppaatti Bara 1958 Irraa Eegalee Itiyoophiyaatti Hojii Eegaluu Eeranii, Yerosii Eegale Itiyoophiyaanota Hedduuf Carraa Hojii Uumuun Dinagdee Deeggaruun Gumaacha Taasiseef Galateeffataniiru.

Ittigaafatama Hawaasummaa Bahachuun gumaacha Kokakollaan Taasiseef Galateeffatanii, Kaampaanichi Ammas Invastimantiisaa Itiyoophiyaa Keessatti Bal’isuuf Haalli Mijataan Akka Jiru Ibsaniiru.

Baay’inni Ummataa Itiyoophiyaa, Babal’achuun Bu’ura Misoomaa fi Haalli Mijataan Invastimantii Kokakollaan Invastimantiisaa Akka Cimsu Kan Gargaaran Ta’uu Marii Kanarratti Kaafamuusaa TOI’n Bakkarraa Gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015