Ameerikaan Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Kutannoo Qabdi- Ambaasaaddar Tirooyi Fiitrel - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Kutannoo Qabdi- Ambaasaaddar Tirooyi Fiitrel

Waxabajjii 17/2017(TOI)- Ameerikaan Bara Bulchiinsa Tiraamp Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Waliin Qabdu Caalaatti Cimsuuf Kutannoo Akka Qabdu Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Hoogganaa Olaanaa Biiroo Afriikaa Ambaasaaddar Tirooyi Fiitrel Ibsan.
Ambaasaaddar Tirooyi Fiitler Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Magaalaa Muummee Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jirurratti Haasawa Taasisaniin, Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Biyyisaanii Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Nihojjetti Jedhaniiru.
Imaammanni Dhimma Alaa Ameerikaan Afriikaa Ilaalchisuun Hordoftu Akkaataa Kallattii Dippilomaasii Biizinasii Irratti Akka Bu’uureffatu Kaa’ameen Embaasiiwwan Ameerikaa Afriikaatti Argaman Kallattii Kaa’ameen Hojjechaa Akka Jiran Kaasaniiru.
KanaanWal Qabatee Murteen Amma Hojmaata Jijjiiruutti Gahu Darbuu Eeraniiru.
Kana Cinaattis Damee Daldalaatiin Hirmaattonni Afriikaa fi Ameerikaa Jidduu Jiran Fayyadamoo Akka Ta’an Yaaduun Gabaan Waloo Jijjiirama Attamii Barbaachisa Jechuun Qaamolee Dhimmi Ilaalu Waliin Hojjetamaa Akka jiru Himaniiru.
Keessumaa Kana Booda Walitti Hidhamiinsa Daldalaa Cimsuuf Anga’oonni Olaanoo Ameerikaa Imala Afriikaatti Taasisaniin Bakka Bu’oonni Biizinasii Isaan Waliin Akka Ergamanii fi Mariilee Daldalaa fi Invastimantii Akka Godhan Nitaasifama Jedhan.
Gama Biraan Hirmaannaa Ameerikaan Hammattoo Dippilomaasii Biizinasii Afriikaa Qabdurratti Keessumaa Hirmaannaa Ijaarsa Bu’uraalee Misoomaa Ijoo Ta’an Taasisaniin Gamatti Bu’ura Misoomaa Dijitaalaa Babal’isuurratti Caalaatti Akka Hojjetamu Eeraniiru.
Kun Ammoo Afriikaan Sirna Gabaa Addunyaa Keessatti Hirmaannaa Bu’a Qabeessa Akka Qabaattu Nitaasisa Jedhaniiru.
Hojiin Daldalaa fi Invastimantii Ameerikaa Afriikaaf Hedduu Fayyada Kan Jedhan Ambaasaaddar Tirooyi, Hojiin Biizinasii Ameerikaa Irra Caalaa Teeknooloojii Haaraa fi Hojii Kalaqaarratti Kan Xiyyeeffatu Ta’uu Dubbachuusaanii Agabaasaan TOI Bakkarraa Gabaaseera.