Ijaarsi Pirojektoota Bu’ura Misoomaa Ummata Hirmaachise Ciminaan Itti Fufa

Waxabajjii 17/2017(TOI)-Godina Baaleetti Ijaarsi Pirojektoota Bu’ura Misoomaa Ummata Hirmaachise Ciminaan Akka Itti Fufu Ittaanaan Bulchaa Godinichaa Obbo Abrihaam Hayilee Ibsan.

Pirojektoonni Bu’ura Misoomaa Garagaraa Birrii Biiliyoona Caaluun Godinichatti Ijaaraman Eebbisuun Eegalameera.

 Ijaarsi Daandii Baadiyyaa, Riqichi, Ijaarsi Mana Dawaa Hawaasaa Moodaliin Aanaalee Sinaanaa fi Gaasaraatti Xumuramanii Bakka Ittaanaan Bulchaa Godinichaa fi Hooggantoonni Olaanoon Biroon Argamanitti Har’a Eebbifamaniiru.

Itti Aanaan Bulchaa Godina Baalee Obbo Abrihaam Hayilee Saganticharratti Akka Jedhanitti, Bara Bajataa 2017 Godinichatti Pirojektoonni Bu’ura Misoomaa 160 Baasii Birrii Biiliyoona 1 Caaluun Ijaaraman Eebbifamuu Jalqabuu Ibsaniiru.

Pirojektoonni Xumuraman Biroon Irraa Jalaan Akka Ebbifaman Dubbataniiru.

Fuulduras Pirojektoota Misoomaa Hawaasa Hirmaachisan Hojjechuun Misooma Eegalame Fullaasuun Cimee Akka Ittifufu Eeraniiru.

Bulchaan Aanaa Sinaanaa Obbo Balaayi Bojaa Gamasaaniin, Pirojektoonni Misoomaa Gaaffii Hawaasaarratti Bu’ureffataniif Xiyyeeffannoon Kennamuu Dubbataniiru.

Pirojektoonni Misoomaa Aanichatti Birrii Miiliyoona 50’n Ijaaramanii Eebbaaf Qaqqaban Kunneen Agarsiiftuu Ta’uu Dabalanii Ibsaniiru.

Ijaarsi Pirojektoota Kanneenii Jiraattota Naannawaaf Faayidaa Guddaa Akka Qaban Jiraattonni Naannawichaa Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015