Bajanni Birrii Biiliyoona 130 Ta’u Damee Waldhaansaaf Qabamaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 15/2017(TOI)- Mootummaan Bajata Birrii Biiliyoona 130 Ta’u Damee Waldhaansaaf Ramadaa Akka Jiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ogeeyyota Fayyaa Guutuu Biyyaaraa Walitti Dhufan Waliin Marii Gaggeessaniiru.

Damee Fayyaa Bu’a Qabeessa Gochuuf Mootummaan Xiyyeeffatee Hojjechaa Akka Jiru Ibsaniiru.

Waggoottan Darban Bajata Damee Fayyaaf Ramadamu Guddisaa Jira Jedhaniiru.

Waggoottan Muraasa Dura Qabeenyi Kallattiin Damee Fayyaaf Ramadamaa Ture Birrii Biiliyoona 70 Akka Ture Yaadachiisanii, Yeroo Ammaa Mootummaan Qabeenya Biiliyoona 130 Ramaduusaa Beeksisaniiru.

 Kana Malees Waggaa Darbe Mootummaan Bittaa Qorichaaf Birrii Biiliyoona 9 Deeggaruu Ministirri Muummee Ibsaniiru.

Baasii Mootummaan Damee Fayyaaf Baasu Kan Biyyoonni Ollaa Baasan Akka Caalu Dabaluun.

Baasiin Mootummaan Damee Fayyaatiin Ijaarsaaf Baasu Biyyi Ollaa Kamiyyuu Akka Hin Baafne Dabalanii Kaasaniiru.

Bajanni Damee Fayyaaf Ramadamu Guddachaa Dhufus Fedhuu Jirurraa Ka’ee Ammallee Akka Hafu Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015