Gilgal Gibee Sadii bara kana sa’aatii  tokkotti humna Ibsaa Gigawaattii Kuma 7 maddisiisuu danda’eera

Waxabajjii 16/2017(TOI)-Hidhi Aannisaa maddisiisu Gilgalgibee sadii bara kana sa’aatiitti humna ibsaa giiggaa waattii  kuma 7  Maddisiisuun  dinagdee guddisuu keessatti gahee olaanaa Bahuu isaa hojii gaggeessaan humna Hidha madda Anniisichaa Obbo Habataamuu  saamu’eel Ibsan.

Keeniyaa dabalatee biyyoota riijinichaaf humna ibsaa dhiheessuun qooda olaanaa bahaa jiraachuu dubbataniiru.

Hidhi  humna  ibsaa kun humna haaromsaa dabaluu fi gaazii qilleensa faalu hir’isuun Dinagdee magariisaa ijaaruuf gumaacha olaanaa  taassisaa jira.

Hojii gaggeessaan Madda humna Elektiriikii Gilgalgibee sadii Habtaamuu Sammuu hidhichi bara 2009 xumuramee  tajaajila eegaluu yaadachiisaniiru.

Pirojektii  guddaa Yeroo ammaa dhiheessii humna ibsaa irratti qooda olaanaa qabachuun  dinagdee biyyaaf shoora olaanaa bahaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Hidhichi  humna ibsaa giiggaa waattii  kuma 1 fi 870 maddisiisuu kan danda’u yoo ta’u Hidha Haaromsa guddicha Itiyophiyaatti Aanee Humna guddaa Elektiriikii Maddisiisu  ta’uu  dubbataniiru.

 Hidhi humna Elektiriikii gilgal gibee 3 dhiheessii humna ibsaa biyyattii dhibbantaa 50 Gumaachuun biyyoota ollaaf humna ibsaa kennuun gahee olaanaa bahaa jira  jedhanniru.

Adeemsi hojii Hidha humna Aannisaa Ogeessota Itiyoophiyaa gahoomaniin hogganamaa akka jiru ibsaniiru.

Gilgalgibee 3 fedhii humna ibsaa biyyoolessaa guddachaa dhufeef deebii kennuun gahee guddaa bahaataa jiraachuu eeraniiru.

Bara kana annisa sa’aatiitti  Giiggaa waattii kuma 7 maddisiisuun sochii dinagdeef gahee olaanaa Bahachaajira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015