Itiyoophiyaan Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaarratti hirmaannaa dippilomaasii Dinagdee ishee cimsan tasifteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaarratti hirmaannaa dippilomaasii Dinagdee ishee cimsan tasifteetti

Waxabajjii 19/2017(TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taasifamerratti hirmaannaa dippilomaasii dinagdeeshee cimsan taasisuushee ministeerri dhimma alaa beeksise.
Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 17ffaan Kaleessa xumurameera.
Yaa’ichi Itiyoophiyaan dippilomaasii biizinasii riifoormii dinagdee mandhlee waliin walitti hidhate kan itti cimsite ta’uu Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaddar Zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru.
Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti marii gamlamee milkaa’aa taasisuusaanii dubbataniiru.
Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Joo Leereensoo, Gorsaa olaanaa Afriikaa Pirezidaantii Ameerikaa Maasaad Bolos fi hojii raawwachiisaa olaanaa kaawunsilii korporeetii Afriikaa Filoorii Liizer waliin mari’achuusaaniis eeraniiru.
Marii kana cinaattis Pirezidaant Taayyee dabalatee karaa hojii rawwachiisaan Itiyoophiyaa invastimant hooldiingis Dr. Buruuk Taayyee, fi Komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Dr. hirmaachuun Ejjennoo Itiyoophiyaa ibsuun danda’ameera jedhaniiru.
Waliigalteen Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis fi tumsa faayinaansii idil addunyaa Ameerikaa jidduutti malatteeffame carraaqiiwwan gurguddoo Itiyoophiyaan damee Turizimiin jalqabde caalaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi Kaappitaala Invastimantii doolaara miiliyoona dhibba lama caalu qabachuu eeraniiru.
Yaa’ii Kanaan dandiin hariiroo uumamuusaanii ambaasaaddarichi dabalanii dubbataniiru.
Yaa’iin kun oomishaalee Itiyoophiyaaf gabaa sakatta’uuf, carraa hojii bal’isuu fi bakkeewwan turizimii sakatta’uun invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 10ffaa Qopheessuunshee niyaadatama.