Godina Baaleetti Qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri kuma 257 ol misoomeera    

Waxabajjii 18/2017(TOI)-Godina Baaleetti Qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri  kuma 257 ol  sanyii gosa adda addaan misoomuu Qajeelchi Qonna Godinichaa Beeksise .

Godina Baaleetti Bitootessa walakkaarraa hanga Hagayyaatti waqtiin Qonna Arfaasaa ta’uun ni beekama.

Waajjira Qonnaa Godinichaatti ogeessi misooma midhanii Obbo Darajjee Girmaa  akka jedhanitti, Qonna Arfaasaa bara Kanaan lafti hektaarri kuma 257 ol sanyii midhaanii adda addaan misoomeera. 

Kana Keessaa dhibbentaa 70 kan caalu Hojmaata Qonnaa fooyya’aa hojiirra oolchuun  kilaasteraan misoomaa jiraachuu  ibsaniiru. 

Qotee bulaan wabii nyaataa mirkaneesuuf  tattaaffii taassisu cinaatti filannoowwan gabaa biyya keessaa fi biyya alaa giddugaleeffachuun  akka omishu deeggarsi taassifamaa jiraachuu dubbataniiru.  

Yeroo Arfaasaa kana lafa waliigala misoomaa jiru keessaa hektaara kuma 40 kan caalu omisha gabbaa qaban saliixii, Maashoo, Boloqqee, fi Looziin misoomuu kaasaniiru.

Roobni baranaa gaarii ta’uu ibsuun, keessumaa Naannoo Gammoojjiitti roobni gaariin waan tureef Midhaan Haala Gaariirra akka Jiruu fi Qonnaan Bulaan kunuunsaa Jiraachuu Ibsaniiru. 

Misooma midhaan haadhoo kuntaala miiliyeena 8 tuqaa1omishuuf galmi qabamuu ogeessichi dubbataniiru.   

Godinichatti  Itti aanaa Bulchaa  Aanaa Sinaanaa fi  Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Fi Lafaa Obbo  Mu’awwuyaa  Fu’aad  gamasaaniin,  akka jedhanitti,  Aanichatti  Waqtii Arfaasaa bara kanaa lafti hektaarri kuma 50  qamadiin, garbuu fi midhaan biroon facaafamaniiru Jedhan.

Keessattu facaasaa Arfaasaa baranaa Qonnaan Bulaan Ittiifayyadama Teekinooloojii Qonnaa fooyyesuun akkaataa kallattii Kaa’ameen Misooma walii galaa keessaa lafti dhibbentaa 60 caalu hojmaata fooya’oo fayyadamuun kilaasteraan misoomuu dubbataniiru .

Qonnaan Bultoota Aanaa Sinaanaa Misoomicharratti hirmaachaa jiran keessaa Obbo Hasan Ahimad  yaada kennaniin, Qonna Gannaa bardheengaddaatiin lafa  hektaara  tokkorraa  Omishni  Qamadii  kuntaalli  60 ol Walitti qabamuu  dubbataniiru.  

Waqtii Arfaasaa baranaa Hojmaata Qonnaa Fooyya’oo adda addaa fayyadamuun  omisha fooya’aa walitti qabuun Akka Danda’amu Kunuunsi Taasifamaa Jiraachuu ibsaniiru.

 kan dandeessisan kunuunsi  midhaaniif taassisaa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015