Godinichatti Hojiileen fayyadama hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru

Waxabajjii 19/2017 (TOI)- Godina Iluu Abbaa Booraatti Hojiileen fayyidaa hawaasummaa fi dinagdee  hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruun ibsame.

Sagantaan Pirojektoota garagaraa ijaarsisaanii xumurame 656 Boqonnaa lamaan tajaajilaaf banaa taasisuuf qophaa’e har’a eegalameera.

Waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame dabalatee pirojektoonni garagaraa aanaa Mattuutti ijaaraan eebbifamanii tajaajilaeegalaniiru.

Komishinariin komishinii Manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shafii Huseen saganticharratti akka jedhanitti, Pirojektooni kunneen fayyadama hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa nimirkaneessu.

Pirojektoota ijaaramaa turan 656 keessaa walakkaan amma Waxabajjii 30/2017tti eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa Indaalkaachoo Tafariiti.

Godinichatti waliigala pirojektoonni sagantaalee bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa, Sagantaalee fi Tajaajilaan birrii biiliyoona 2 tuqaa 3’n ijaaraman ganna kana eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru.

Gamoon waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame bakka hojii mijataa uumuurra darbee tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuuf mijataa ta’uu himaniiru.

Bulchaan aanaa Mattuu obbo Garramuu Birhaanuu gamasaaniin, jiddugalli gabaa Birrii Miiliyoona 70’n ijaaramee fi pirojektoonni garagaraa ganna kana eebbifamuusaanii dubbataniiru.

Jiddugalli Gabaa jiddugalli gabaa ganda Burruusaatti ijaarame kun fayyadamummaa jiraataa naannawaa fi qonnaan bultootaaf carraa gaarii uumuusaa jiraataan aanichaa ganda Burruusaa obbo Garramuu Bazzaabihdha.

Kanaan dura qonnaan bulaan oomishasaa kallattiin fayyadamtootaaf akkasumas qonnaan bulaaf dhiheessuu waan hindandeenyeef faddaaltota seeraan alaan saamamaa turuusaa kan kaasan ammoo jiraataa godinichaa obbo Kaamil Shifaati.

Jiddugalli gabaa kun qonnaan bulaaf qofa osoo hintaane daldalaafis faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015