Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’ameera

Waxabajjii 19/2017(TOI)- Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fi hubannoo qonnaan bulaa guddisuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’amuu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa Tarrafaa Araarsoo TOI’tti akka himanitti baatii kudhan keessatti godinichatti oomisha dammaa guddaa argachuuf karoorfamee hojjetamaa tureera.
Haala Kanaan Inisheetiivii misooma dammaa hojeessuurra darbee hubannnoo qonnaan bultootaa guddisuun oomishtummaa fi fayyadamummaa hirmaattota misoomichaa guddisuun danda’amuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni gareen gurmaa’anii kanniisa horiisaa jiraniif gaagurru ammayyaa kuma 46 caalu qoodamuu eeranii, bu’aan gaariin argameeras jedhan.
Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni kuma 24 caalan hirmaachuusaanii dubbataniiru.
Kanneen keessaa qonnaan bulaan aanaa Walmaraa Geetaachoo Daandanaa akka jedhanitti, gaagura ammayyaa shan argataniin kanniisa horiisanii fayyadamaa jiru.
Bara kana gaagura qaban 22n gahuun damma gaagura aadaa tokkorraa kiiloo 5 argachaa turan gaagura ammayyaa tokkorraa kiiloo 12 argachuusaanii ibsaniiru.
Baranas gaagura ammayyaa 22 fi gaagura aadaa tokkorraa damma kiiloo 269 argachuusaanii fi hojii kana babal’isuuf akka isaan kakaase dubbataniiru.
Jiraataan Aanaa Amboo obbo Waldasamaayaat Lataa gamasaaniin kanniisa kan horsiisan hojii qonna idileen cinaatti waan ta’eef galii asirraa argataniin jireenyisaanii fooyya’aa jiraachuu eeraniiru.
Gaagura ammayyaa, cehumsaa fi aadaa qaban irraa waggaatti al lama damma baasuun gabaaf dhiheessuu ibsanii, fuulduratti baay’inaan oomishuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.