Giddugallli Gabaa Magaalaa Finfinneetti babal’achuun omisha ga’aa  gatii madaalawaan argachuuf nu dandeessiseera -fayyadamtoota

Waxabajjii 16/2017(TOI)- Giddugalli gabaa Magaala Finfinneetti babal’achuun omisha ga’aa gatii madalawaan argachuu isaan dandeessisuu fayyadamtoonni TOIn dubbise ibsan.

 Giddugalli gabaa Magaalittiitti ijaaraman omishtootaa fi Shamattoota gidduutti riqicha tokko ta’ee kallattiin wal-quunnamsiisuun qaala’insa gatii fi qaala’insa jireenyaa hir’isuun  qooda guddaa gumaachaa jira.

  TOI Gidduu gala gabaa kana keessaa tokko kanta’e sochii gidduu gala gabaa hunda galeessa Nifaas Silki Laaftoo Lakkoofsa 2  daawwateera.

 Fayyadamtoonni akka jedhanitti, kuduraa fi muduraa fi omisha midhaanii  gatii madaalawaan gidduugalicharraa bitachaa fi fayydamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gidduugalichatti shamataa Osoo Jirtuu Kan dubbifne Ababech Asaffaa  akka ibsitetti, gidduugalichatti Muduraa fi kuduraa  gosa hunda gatii madaalawaan bitachuu ibsuun, gatii madaalawaan tajaajila argachuushee dubbatteetti. 

Fayyadamaa biroo dubbisne Tamaam Jamaal gamasaaniin, mootummaan gidduugala gabaa naannoo keenyati ijaaruusaatiin Muduraa fi kuduraa, omisha midhaanii gatii madaalawaan Dhiheenyatti bitachuu danda’uun aaragalfii kan kenneef ta’uu dubbataniiru.

Gatiin gidduugalichaa fi gabaa alaa garaagarummaa guddaa qabaachuu fi gatii humna keenya giduugaleeffateen bitachaa jirra  jechuun Yemisirach Abaayinaa dubataniiru. 
 

Omishtoota Giduugalichatti dubbisne keessaa Obbo Tasfaahun Wajii akka jedhanitti,  gidduugalli gabaa jiraachuu isaan dhiheessii gabaabsuu fi omisha fayyadamtootaaf gahuuf carraa kan uume ta’uu dubbataniiru. 

Omishni midhaanii Xaafiin qarshii  kuma 10n eegalee , Qullubbiin qarshii 35n eegalee  gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu  dubbataniiru.  

Omishaa Kan biroon dubbisne obbo Darajjee Gaarii  gamasaaniin, omisha gabaa alaarraa dhibbantaa 20 hir’isuun uummataaf dhiyeessuusaanii dubbataniiru.

Hogganaan walii gala daldala gidduugala Laaftoo lakkoofsa 2 Obbo Jamaal Haajii sa’iid akka ibsanitti,  Ijaaramuun gidduugala gabaa walitti dhufeenya oomishtootaa fi Shamattootaa  shoora guddaa taphachuu dubbataniiru.

Itti Aanaan Biiroo Daldala Magaalaa Finfinnee  Obbo  Fissahaa  Xibabuu  biirichi Gabaa tasgabbeessuuf Sanbataa fi Dilbata dabalatee  naannoo biyyittii hundarraa omishni akka  galuu gochaa jiraachuu ibsaniiru .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015