Naannoo Harariitii Industiriiwwan haaraan 24 hojii eegalaniiru-Biiricha - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitii Industiriiwwan haaraan 24 hojii eegalaniiru-Biiricha

Adoolessa 03/2017(TOI)-Bara bajataa 2017 naannoo Harariitti industiriiwwan xiqqaa fi jiddugaleessaa 24 hojii eegaluusaanii biiroon misooma intarpiraayizii fi industirii naannichaa beeksise.
Industiriiwwan hojii eegalan carraa hojii uumaa akka jiran ibsameera.
Itti gaafatmaan biirichaa Usmaa’il Yuusuuf TOI’f akka ibsanitti, sosochiin Itiyoophiyaan haa’oomishtuu dandeettii oomishuu industirootaa guddisuun dameen kun akka dadammaqu gochaa jira.
Industiriiiwwan hojii eegalan oomishoota alatti ergaman gabbisuun fi oomishoota bakka bu’an oomishuun sharafa alaa oolchuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaiiru.
Bara bajataa 2017 naannichatti Industiriiwwan haaraan jiddugaleessi torbaa fi xiqqaa 17 hojii eegaluun namoota namoota 383’f carraa hojii dhaabbataa uumuusaanii ibsaniiru.
Barana Industiriiwwan oomishaaf galteen toonii 579 dhihaachuusaa fi rakkoon bu’ura misoomaa furamuus dubbataniiru.
Abbaan warshaa korojii taatee obbo Abubakar Addiil korojii pilaastikaa bakka buusuuf warshaa kana banuusaanii dubbataniiru.
Warshichi guyyaatti korojii kuma 150 amma kuma 200tti akka oomishu ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan warshaa Rahaa Foom Umar Saaliih gamasaaniin, oomisha bakka bu’aa huccuu oomishuun hawaasa naannawaa fi dhaabbileef gabaaf dhiheessaa akka jiran ibsaniiru.
Dragaggoonni Warshaalee keessatti hojiin uumameef akka jedhanitti, ofis ta’e maatiisaanii deeggaruurra darbee muuxannoo horachaa akka jiran dubbataniiru.
Naannoo Harariitti Industiriiwwan oomishaa olaanaan, jiddugaleessii fi xiqqaan165 hojiirratti argamu.