Itiyoophiyaan oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiivota hedduu bocuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiivota hedduu bocuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa jirti

Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiivota hedduu bocuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa akka jirtu daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr Maandafroo Nugusee ibsan.
Mariin Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qophaa’ee sirna nyaataa Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate taa’amaa jira.
Qooda fudhattoonni dhaabbilee garagaraa irraa walitti dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr Maandafroo Nugusee dubbii dubbataniin, dhalli namaa jiraachuuf kan isa barbaachisan keessaa qilleensa, bishaan, soorata akkasumas inarjiin ni’eeramu jedhaniiru.
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf soorata barbaachisu guutummaatti biyya keessatti oomishuu danda’uu ofkeessaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan gama Kanaan inisheetiivota hedduu bocce hojiitti galuushee ibsaniiru.
Damee Kanaan Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisuu isheetiin Adoolessa 20 amma 22 bara 2017 walgahii sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 2ffaa Finfinneetti akka keessummeessitu filatamuushee dubbataniiru.
Itiyoophiyaan jijjiiramaan asitti sagantaawwan biyyaalessaa garagaraa cehumsa sirna nyaataa si’achiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu beeksisaniiru.
Fakkeenyaaf inisheetiivonni maaddii guutuu, misooma Qamadii, ashaaraa magariisaa, soorata barattootaa, Itiyoophiyan haa oomishtuu akkasumas waadaa Saqoxaa eeraniiru.
Yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi maddisiisaniin hojjetamaa kan jiran maaddii guutuun oomishtummaa aannanii, bbuuphaa, foonii qurxummii fi dammaa dabaluun lammiileen soorata madaalawaa akka argatan taasiseera.
Yaa’iin sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaan keessummeessitu milkaa’inaan keessummeessuuf hojiin haal duree raawwatamaa jira jedhaniiru.
Yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramu miidiyaaleen gabaasuudhaan hojjechuu akka qaban eeranii, waltajjiin har’aas qaama hojii kanaa ta’uusaa hubachiisaniiru.
Hojii raawwachiisan olaanaa TOI Seeyifee Darribee wayita kana, Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojii eegalteetti jedhan.
Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaas hojiilee bu’a qabeessa Itiyoophiyaan eegalte fulla’iinsa akka qabaatan hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.
Ashaaraa mgariisaa, maaddii guutuu, inisheetiivii qamadii dabalatee kanneen biroos bu’a qabeessa akka ta’an gabaasota hubannoo hawaasaa guddisan miidiyaalee garagaraan dabarsuun gumaacha gochaa akka jiru ibsaniiru.
Waltajjiin har’aas imalli cehumsa sirna nyaataa fulla’aa fi hammataan Itiyoophiyaa akka dhugoomu faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.