Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiisedha-Ministira Dr. Geediyoon Ximootiwoos

Waxabajjii 30 /2017(TOI)- Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad yaa’ii hooggantoota BRICS cinaatti taasisan taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiise ta’uu Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi jillisaanii yaa’ii hooggantoota BRICS Biraazil Riyoo De Jeneerootti taa’amaa jirurratti hirmaataniiru.

Ministirri dhimma alaa Dr. Gaadiyoon Ximootiwoos yaa’ii kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin, mariileen yaaa’icha cinaatti hooggantoota biyyootaa waliin taasifaman tumsa gamlamee cimsuu fi yaada walii qooduuf carraa gaariidha jedhaniiru.

Fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawoorratti qabdu biyyoonni akka hubatanii fi akka deeggaran mariisisuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Ignaasiiyoo Lulaa Da Siilvaa waliin marii taasisaniin marii gamlamee keessumaa haala tumsa dinagdee cimsuun danda’amurratti yaada walii qooduusaanii himaniiru.

Mariin kun pirezidaantiin Biraazil kallattii fi imaammata Itiyoophiyaa sirriitti akka hubatan gochuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiiyaang waliin hariiroo cimaan biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuusaanii eeraniiru.

Tumsa dinagdee fi invastimantii cimsuun dhimma marii Kanaan ciminaan kaafamedha.

Gumaacha gaarii Chaayinaan dinagdee Itiyoophiyaarrattio qabdu haala cimsuu dandeessurratti hammattoo paaris kilab keessatti Chaayinaan Faransaayi waliin ta’uun idea itiyoophiyaan deebifyu dheeressuurratti shoora baate cimsitee itti fufuu haala dandeessurratti mari’achuusaanii kaasaniiru.

Itiyoophiyaan dhiheenya biyyoota akka Itiyoophiyaaf Shaqaxaa fi alergii qaraxarraa walabaa karaa ittiin galchuu danda’an mijeessuushee fi carraa kennite ilaaalchisuun yaada walii qooduun akka danda’ames ministirichi kaasaniiru.

Maricharratti Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiyaang oomishni bunaa Itiyoophiyaa baay’inaan Chaayinaa galaa akka jiru  eeranii, hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun akka barbaachisu himaniiru.

Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa waliin marii gamlamee gaggeessaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsi hidha haaromsaa xumuramuusaa pirezidaantichaaf himaniiru kan jedhan ministirri dhimma alaa hidhichaa fi dhimmoota walqabatanirratti mari’achuusaanii himaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS irraa muuxannoo, teeknooloojii fi invastimantii argachuu barbaaddi kan jedhan ministirri muummee, biyyittiin hammattoo tumsaatiin dameeleen gumaacha itti taasiftu akka jiru ibsaniiru.

Mariin taasifaman xiyyeeffannoo ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad tumsa biyyoota waliin qabaniif kennan akka agarsiisu eeranii, BIRICS hammattoo fi gurmuu ijoo tumsa waloo cimsuu dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015