Omisha buna bara bajataa 2017 biyya alaaytti ergamerraa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 2 tuqaa 65 argameera-Abbaa taayitaa Bunaa fi Shaayee

Adoolessa  02/2017(TOI)- Omisha buna bara bajataa 2017 biyya alaaytti ergamerraa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 2 tuqaa 65 argamuusaa Abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa beeksise.

Hojiilee riifoormii faayidaa dinagdee Bunarraa argamu guddisuuf hojjetameen bu’aan qabatamaan argamuusaa abbaan taayitichaa ibseera.

Daarektarri abbaa taayitichaa Dr Addunyaa Dabalaa ibsa kennaniin bara bajataa 2017 bunni tooniin kuma 326 biyya alaatti erguun doolaara Ameerikaa biiliyoona 2 galchuuf karoorfamee hojjetamaa turuu kaasaniiru.

Bara bajatichaa Buna toonii kuma 470 ta’u biyya alaatti erguun doolaarri biiliyoona 2 tuqaa 65 argameera jedhan.

Galiin argame Afriikaarraa adda duree akka ishee taasisu eeranii, addunyaarraa ammoo biyyoota buna oomishanii fi ergan keessaa sadaffaa kan ishee taasisu ta’uu ibsaniiru.

Bardheengaddaa Buna biyya alaatti ergamerraa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 1 tuqaa 4 argamuusaa fi raawwiin bara 2017 dolaara biiliyoona 1 tuqaa 2’n akka caalu himaniiru.

Galii Bunarraa argamu guddisuuf riifoormiin imaammataa taasifamuu isaatiin qonnaan bulaan qonnaan bulaan kallattiin biyya alaatti erguu akka danda’u taasifamuu eeraniiru.

Waggoottan shanan darban Biqiltuun Bunaa biiliyoona 8 tuqaa 5 dhaabamuuibsanii, sagantaa ashaaraa baranaatiin biqiltuu Bunaa biiliyoona 2 caalu dhaabuuf karoorfamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015