Itiyoophiyaan haalawwan mijatoo biyyoonni Afriikaa Misoomaan walitti dhufanirratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti-obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan haalawwan mijatoo biyyoonni Afriikaa Misoomaan walitti dhufanirratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti-obbo Adam Faaraah

Adoolessa 02/2017(TOI)- Itiyoophiyaan haalawwan mijatoo biyyoonni Afriikaa Misoomaan walitti dhufanirratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsan.
Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira.
Obbo Adam Faaraah wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaan haala mijataa biyyoonni Afriikaa misoomaan walitti dhufan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.
Keessumaa dargaggoon Afriikaa Dargaggoonni biyyattii gama misoomaan, dinagdee fi carraa hojii uumuun haala qindoomanirratti mijeessuun isa ijoo ta’uu ibsaniiru.
Foramiin carra hojii uumuu Afriikaa guyyoota sadiif taa’ame qaama kanaa ta’uu ibsanii, biyyoonni Afriikaa yeroo ammaa dinagdee, misoomaa fi hojii walfakkaatanirratti tumsisaanii cimaa dhufuu kaasaniiru.
Qabeenya uumamaa dilbii Afriikaa misoomsuun fayidaarra oolchuuf gumaacha olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Riifoormiin biyyaalessaa Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaatti gaggeessite hojiiwwan kanneenii fi kana fakkaatan karaa walfakkaataa hojjechuuf akka gargaare beeksisaniiru.
Keessumaa utubaawwan dinagdee shan adda baasuun hojii hojjechaa jirtuun bu’aan jajjabeessaan galmaa’uusaa ibsaniiru.
Misooma fulla’aa Afriikaa mirkaneessuuf ijaarsi dinagdee hammataa murteessaa ta’uu obbo Adam Faaraah eeraniiru.