Hojiin Misooma Magaalaa Naannichatti baajata  Birrii  Biiliyoona 3 tuqaa7 oliin eegalaman   saffisaa jiru 

Adoolessa 02/2017 (TOI)- Naannoo Gidduugaleessa Itiyoophiyaatti  Ijaarsi Pirojektota  Koriidarii  i uummata irratti xiyyeeffate  baajata birrii biiliyoona 3 tuqaa 7 oliin  tumsa  uummataa fi  mootummaan  saffisaa  jiraachuu  Biiroon Misooma Magaalaa fi  Konistiraakshinii Naannichaa Beeksise. 

Itti Aanaan  Biirichaa Obbo Cammir Haayilee  TOI’f  akka ibsanitti, Naannichatti Pirojektoonni  Kallattiin jireenya hawaasaa waliin walitti hidhaminsa qabanii fi  qaala’insa gatii salphisuu danda’an ijaarsaarra jiru.

Kanaanis Baatii Muddee asitti hojiin misooma koriidarii km. 165 saffisarra jiraachuu   ibsaniiru.

Gidduu gala Naannoolee kan ta’an Magaalonni Hosa’inaa, Buttaa Jiraa, Walqixxee, Duraamee, Halaabaa Qullittoo, Waraabee, fi saajjaatti raawwiin hojiin misooma koriidaraa  torbaniin gamaggamuun haala gaarii irra jiraachuu ibsaniiru.

Hojii baattiiwwan jahan darban hojjetameen misoomni koriidaraa km. 28 ta’u goolabamaa jiraachuu fi yeroo dhihootti guutummaa guutuutti xumuruuf hirmaannan nitaassifama jedhaniiru.

Magaalota Naannichaatti Ijaarsi Pirojektootaa nama irratti xiyyeffatan 90 hojjetamaa jiraachuu eeruun, pirojektoonni kunneen birrii biiliyona 1 tuqaa 9n hojjetamaa jiraachuu   beeksisaniiru.

Pirojektoonni Ijaaramaa jiran Mana Qoricha ummataa, Mana  Barumsaa, Buufata Fayyaa ,Dhiheessii Bishaan Dhugaatiii Magaalaa, Sarara Humna Ibsaa Diriirsuu ta’uu  Ibsaniiru.

Hirmaanna hanga ammaatti taassifameen ijaarsi pirojektoota 48 xumuramuu hubachiisuun, pirojektoonni hafan saffisaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektoonni Misoomaa hundi xumuramanii tajaajilaaf yeroo  oolan ummaata Miiliyoona 2 tuqaa 5 fayyadamaa akka taassisan ibsaniiru.

Hojiiwwan misooma kanneenii alattis waajjira muummee naannichaa dabalatee ijaarsi waajjira bulchiinsaa hanga darbii 8  qaban naannichatti gaggeeffamaa jirachuu  beeksisaniiru. 

Magaalota Naannichaa 29 keessatti  kenna tajaajilaa Dijiitaalaan deeggaruuf karoorfamee bara baajata kana keessatti Magaalota14 keessatti hojiirra ooluu  isaa yaadachiisaniiru.

Kanaanis Tajaajilli Lafaa fi Ijaarsaa tutuqqaa harkaa irraa bilisa ta’ee Tajaajilamtoonni karaa intarneetii bakka jiran taa’anii tajaajilamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015