Godina Baaleetti Bara Baajatichaa Suphaan Daandii  Idilee km. 247 fi hojiin cirracha diriirsuu  raawwatameera

Adoolessa 02/ 2017 (TOI)- Godina Baaleetti bara baajataa  xumurametti  suphaan Daandii Idilee km 247  fi hojiin cirracha diriirsuu raawwatamuu Waajjirri Daandii fi Loojistiksii  Godinichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Daandii fi Loojistiksii Godinichaa Obbo Dheekkamaa Bokkolluu TOI’f akka ibsanitti, bara baajataa Xumurametti Godinichatti dhaqababummaa daandii baadiyaa caalaatti guddisuuf xiyyeeffannon kennamee hojjetameera.

 Bu’uuruma Kanaan bara baajataa xumurametti  suphaan daandii idilee km 247 fi  hojiin   cirracha diriirsuu raawwatamuu ibsaniiru.

Daandiiwwan km160 suphamaa kan jiru yoota’u, hojiin ijaarsaa  Kanaan dura xumuramee  bara baajataa kana hojiin cirracha diriirsuu hojjetamuu ibsaniiru.

Daandiiwwan suphaan taassifameef keessaa Hangeetuu hanga Garbii Geeloo fi Gobbaa hanga Shedem kan eeraman ta’uu ibsuun, Hoomaa hanga Ghlanshoo, Oboorraa hanga Gulchoo immoo cirrachi diriirfameera jedhaniiru.

Riqichawwan ijaaramaa jiran  shan keessaa tokkoo xumuramee tajaajilaaf banaa ta’uu  eeruun, kan hafan dhibbentaa 30 hanga 70  irra gahuu hubachiisaniiru.

Akka ibsa obbo Dheekamaatti, suphaa daandii fi ijaarsa riqichaaf baajanni Mootummaa fi hirmaannaa ummataatiin birriin miiliyoona 190 ol itti bahuun beekameera.

Daandiiwwan kunneen guutummaatti gara tajaajilaatti wayita galan sochii Dinagde fi Hawaasummaa guyyaa guyyaa saffisiisuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.

Hawaasni nannichaa daandiiwwan naannoosaatti ijaaraman tajaajila yeroo dheeraa akka tajaajilan gochuuf eegumsa barbaachisaa akka godhu obbo dheekkamaan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015