Kenni Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo Fooya’aa Dhufeera-tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Kenni Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo Fooya’aa Dhufeera-tajaajilamtoota

Adoolessa 03/2017(TOI)-Kenni Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo oolee bulee Fooya’aa Dhufuu tajaajilamtoonni yaadasaanii TOI’f kennan dubbatan.
Taajaajilamtoonni TOI’f yaada kennan akka ibsanitti, Kanaan dura tajaajila argachuuf Mana Qopheessaa deddeebi’uun yeroo fi maallaqa isaanii qisaasaa turaniiru.
Yeroo dhihootii asitti garuu, Tajaajiilli Mana Qopheessaa fooyya’aa dhufee tajaajila barbaadan dafanii argachaa jiraachuu dubbataniiru.
Tajaajilamaan Obbo Barsiisaa Maaddeessaa Manni Qopheessaa Magaalichaa yeroo ammaa haala ammaan dura hin baratamneen tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennaa jira jedhaniiru.
Guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii galuu isaanii ibsuun, kenni tajaajilaa haala Kanaan itti fufuu akka qabu dubbataniiru.
Eeyyama Ijaarasa Mana Jireenyaa fudhachuuf gara Mana Qopheessaa dhufuu isaanii kan dubbatan Barsiisaan, dhimma isaanii guyyaa tokkoon xumurachuu ibsaniiru.
Akkasumas, obbo Baqqalaa Guutamaan waggoottan muraasa darban dhimma tokko xumurachuuf yeroo dheeraa deddeebi’uu kan gaafatu akka ture ibsaniiru.
Isaanis Eeyyama Haaromsa Hojii Maashiinii barbaadanii dhufuusaanii fi guyyaa dhufanitti tajaajila argatanii deebi’uusaaniitti gammaduun ibsaniiru.
Jiraataan Magaalichaa Biraan Dargaggoo Haacaaluu Baacaa gama isaan eeyyama Ijaarsa Manaaf mana qopheessaa dhaquu ibsanii, ammaan dura hanga guyyaa torbaa kan fudhatu guyyaa lamatti xumurachuu isaa ibseera.
Hojjettoonni Mana Qopheessa yeroon wajjira seenanii maamiltoota keessummeesuu isaanii taajjabuu isaas dubbateera.
Hojii gaggeessaa olaanaan Mana qopheessaa Magaalaa Amboo Obbo Sanyii Taassisaa akka ibsanitti, kenni tajaajilaa Mana qopheessaa Magaalichaa fedhii fi gaaffii Hawaasaa bu’uura godhachun oolee bulee tajaajila isaa fooyyessaa jira.
Abbootiin Dhimmaa Tajaajila argachuuf yeroo Mana Qopheessaa dhufan otoo hin dedeebi’iin Tajaajila Qulqulluu fi Si’ataa akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Manni Qopheessichaa Kallaattii Mootumman Naannichaa ka’e bu’uura godhachuun Wixata, Roobii, fi Jimaata guyyaa abbaa dhimmaa jedhamee hojjettoonni hundi abbaa dhimmaa keessummeessu jedhaniiru.
Kanaanis jijiiraaamni guddaan dhufuu ibsuun ammas dhimmoonni baay’ee fooya’uu qaban jiraachuu fi fuulduratti kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggaruuf tattaaffiin nitaassifama jedhaniiru.
Hawaasni tajaajilamaanis guyyoota abbootii dhimmaa mana qopheessaa dhufanii tajaajila argachuu akka qaban hubachiisaniiru.