Forammiin carraa hojii uumuu Afriikaa walirraa barachuu fi omisha keenya beeksisuuf  carraa  nuuf uumeera – dargaggoota hojii uumtota

Adoolessa 03/2017(TOI)-Fooramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffame walirraa barachuu fi omisha isaanii beeksisuuf caarraa gaarii uumuusaa   dargaggoonni Afriikaa hojii uuman dubbatan.

Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa 3ffaan Guyyoota sadan darban magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameera.

Foramicha cinaatti dargaggoonni hojii uumtonni  Afirikaa  omisha isaanii egzibiishini irratti  dhiheessan TOI’f yaada kennaniin,  Foramichi walitti dhufeenya uumuu fi omisha isaanii caalaatti omishuuf galtee caalu kan itti argatanidha.

Ugaandaa irraa kan dhufte Hundeessituun  Emaro Innooveeshinii Kayikraa Barbira Akka jettetti, Omisha Qonnaa irratti galtee dabaltee qulqullina fooyyesuun gabaaf dhiheessuu dubbatteetti.

 Foramii Carraa Hojii Uumuu Afriikaa 3ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame irratti  hirmaachuun     walitti dhufeenya uumuu fi qulqullina omishaa  fooyyessuuf kan dandeessisu  ta’uu  ibsiteetti.

imbaabuweerraa kan dhufte, Daarektarri  Maajestikii  Afriikaa  Geetruud chambaatii gama isheen,  omisha  Qonnaa qindeessuun qabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbatteetti.

Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa walitti hidhata gabaa irra darbee walirraa barachuuf carraa kan uumee fi omisha beeksisuuf kan gargaare ta’uu ibsiteetti.

Hirmaattoonni kun yeroo lammataaf Itiyoophiyaa dhufuu ibsuun, biyyittiin guddina ariifataa keessa jiraachuu arguusaanii dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti hojiiwwan carraa hojii dargaggootaa uumuuf mijatoo ta’an hojjetamaa jiraachuu  hubanneerra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015