Daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun ga’oomanii akka guddatan bulchiinsichi bu’uraalee misoomaa itti fufiinsaan niguuta-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Adoolessa 01/2017(TOI)-Daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun ga’oomanii akka guddatan bulchiinsi magaalichaa ijaarsa dirreewwa Ispoortii fi bakka daa’imni itti taphatan  cimsee akka ittifufu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a obboroo dirreewwan Ispoortii fi bakka daa’imni itti taphatan kutaa magaalaa Lammii Kuraa naannawa Kondomineemii Marii Loqqee 40/60 fi kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyootti ijaaraman eebbisanii tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaree xumuruusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee Wayita kana dubbataniiru.

Pirojektoota ijaarsi isaanii xumuraman keessaa bakkaa shaakala ispoortii 122 fi bakka tapha daa’immanii kuma 1 fi 155  ta’uu  dubbachuun, kunis Daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniis kan isaan dandeessisu dha jedhaniiru.

Pirojektoonni Bulchiinsi Magaalichaa Ijaarsisu Daa’immanii fi dargaggoota kan gidduugaleeffate ta’uu kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Jiraattoonni naannawichaa bu’uuraalee misoomaa sirnaan eeguun tajaajila barbaachisaa akka kennan gochuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015