Angafoota Oduu
Kan mul'ate
Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 1054
ENA
Siyaasa
Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira
May 29, 2023 47
Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira. Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. "Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru. Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru. Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru. Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru. Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera. Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.
Siyaasa
Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira
May 29, 2023 47
Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira. Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. "Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru. Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru. Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru. Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru. Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera. Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.
Hawaasummaa
TOI odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahaa jira.
May 29, 2023 37
Caamsaa 21/2015 (TOI):- Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhiheesuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa jiraachuu Hoji geggeessaan olaanaa Tajaajilichaa obbo Saayfee Darribee himan. Diraga hojii fi itti gaafatamummaa TOI'f labsiin kenname keessaa tokko leenjii ogummaa miidiyaa fi ogeeyyii qunnamtii hawaasaaf qopheessuudha. Haaluma kanaan Tajaajilichi kanaan dura ogeeyyii qunnamtii hawaa dhaabbalee adda addaa keessa hojjetaniif leenjii kennaa kan ture yoo ta'u ,guyyaa har'aas ogeeyyii qunnamtii uummtaafi kominikeeshii Ministeera Galiiwwaniif leenjii ogummaa kunnuu jalqabeera. Lenjichi marsaa lamaan guyyoota shaniif kan kennamu ta'uu sirna jalqabsiisa leenjii kanaarratti himameera. Sirna kana kan jalqabsiisaan hoji geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Saayfee Darribee leenjin kun dhaabbileen lamaan carraa muxannoo waliif qoodu argatanidhas jedhaniiru. Dhaabbileen lamaanuu akka biyyaatti dameewwaan hedduu kan qaban waan ta'eef waajjiraalee bakka adda addaa jiran kana waliin qindoominaan hojjechuuf carraas kan uumu ta'uu eeraniiru. Leenjii yaad rimee leenji'aan qabatamaan kutaa hojii TOI keessatti akka leenji'aan himaniiru. Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa akka jiru himaniiru.
Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame.
May 29, 2023 40
Caamsaa 21/2015(TOI) - Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame. Walga'iin duraa foramichaa bakka dippiloomatoonnii, bakka bu'oonnii dhaabbilee idil addunyaafi qooda fudhatoonni biroon argamanitti Finfinnee Dhaabbaata Mootummoota Gamatoomanitti galma Komishiinii dinagdee Afrikaatti geggeeffameera. Deetaan ministira Hojiifi ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun Afrikaatti humna namaa oomisha oomishuu danda'u guddachaa dhufe guddina dinagdee Afrikaaf akka carraatti itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru. Mootummaan Itoophiyaa hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannnoon hojjechaa jiraachuu himanii, kanaafis karoora carraa hojii uumuu biyyaaleessaa hojiirra oolchuun akka fakkeenyaatti kan eeramudha jedhaniiru. Afrikaatti akkuma walitti hidhamnisa gama dinagdeen jiru cimsuuf hojjetamaa jiru carraa hojii dargaggootaaf uumuurrattis qindoominaan hojjechuu akka barbaachisu eeraniiru. Kanarratti Karoora waliin baasuufi hojiirraa oolchuuf kan dandeesisuu Adooleessa dhufu yaa'iin carraa hojii uumuu akka aardichaatti qophaa'e gahee olaanaa akka qabu obbo Nugusuun himaniiru. Yaa'ii Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti geggeeffamu kana milkeesuuf mootummaan Itoophiyaa ciminaan kan hojjetu ta'uu himanii qaamoleen dhimmi ilaallatu biroonis deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha taasisaniiru. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Itti aanaan eeggataa barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Antooniyoo Peedroo akka jedhanitti, bara 2035tti lakkoofsi hojjettoota oomishaa Afrikaa miiliyoona 450 ni ga’a jedhamee eegama. Kanaaf biyyoonni baay’ina hojii barbaaddotaa saffisaan guddachaa jiruuf tarsiimoo bocuun filannoowwan carraa hojii uumuu Afrikaa keessatti fayyadamuu qabu jedhaniiru. Qaxanaan Daldala Walaba Ardii Afrikaa carraawwan gurguddoo keessaa isa tokko ta’uus mootummoonni kutannoon akka hojjetan dhaamaniiru.
Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qabu -Biiroo dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa
May 26, 2023 111
Caamsaa 18/2015 (TOI)- Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qaban Biiroon dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa ibseera. Konfaransiin dargaggootaa mata duree “dargaggootaa fi ijaarsa byyaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Jimmaatti adeemsifameera. Itti gaafatamtuun biiroo dargaggootaa fi Ispoortii naannoo Oromiyaa adde Saamiyaa Abdallaa akka jedhanitti, jijjiirama aarsaa dargaggoonni keenya kafalaniin dhufe itti fufsiisuuf cimanii hojjechuutu barbaahisa. Dargaggoonni hirmaannaa misooma keessatti qaban cinaatti nageenya naannoosaa eeguun duudhaalee waliin jireenyaa fi walqixxummaa ummataa itti fufsiisuun gumaacha gochuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonni naannoo Oromiyaa jiran gochaa misoomaa fi oomishtummaa keessatti agarsiisaa jiran adde Saamiyaan galateeffatanii ijaarsa biyyaa keessatti qooda bakka bu’aa hinqabne akka qaban dubbataniiru. "Seenaa kaleessaarraa kan nufayyadu irraa barannee nu mataan keenya seenaa caalu hojjennee dhaloota boruuf tursuu qabna” jedhan adde Saamiyaan. Dargaggoonni naannoo Oromiyaa araada addaddaarraa bilisa ta’uun bakka hinmalle ooluurraa ofqusatanii misoomaa fi ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru. Bulchaan godina Jimmaa obbi Tiijaanii Naasir gamasaaniin dargaggoonni godinichaa fi nmagaalaa Jimmaa hirmaannaa qamadii jallisii bonaa, oomisha dammaa gaagura ammayyaa, horsiisa loonii, damee qonnaa fi addaddaarratti Qaban cimsanii itti fufsiisuu akka qaban dubbataniiru. Dargaggoonni Konfaransicharratti hirmaatan biyya eeguu, misoomsuu fi ijaaruuf qophii ta’uu ibsanii, dargaggoonni itti gaafatama irraa eegamu tokkummaan bahuuf qophaa’uu akka qaban dubbataniiru. "Sirna fooyyee dargaggootaaf mijatu Itiyoophiyaa keessa akka jiraatuu fi walqixxummaan, nageenyii fi misoomni akka dhufu hojjechuu mari’achuu fi itti gaafatamummaan hirmaachuun barbaachisaadha” jechuun ibsaniiru.
Dargaggoonni Finfinnee bara bajataa kanatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo 765 haaromsaniiru
May 26, 2023 87
Caamsaa 18/2015 (TOI)-Waldaan dargaggoonni Finfinnee bara bajataa keessa jirru kantti baatii sagal keessatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo765 haaromsuusaa beeksise. Tajaajilli tola ooltummaa dhalli namaa kafaltii malee boqonnaa sammuu argachuuf kaka’umsasaan hojii hojjetudha. Hojii kana namni kamiyyuu kan itti hirmaatu yemmuu ta’u, irra guddeessa dargaggoonni kan itti hirmaatanii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa, tokkummaa fi jaalalli caalaatti akka cimu dandeessisuunsaa ammoo ibsituu kanaati. Baasii olaanaa mootummoonni hojii kanaaf baasan hambisuun dinagdee biyyootaa cimsuun alatti hojiin birrii miiliyoonaan lakkaa’amu hojjechuu hin dandeenye tola ooltummaan nihojjetama. Haala Kanaan dargaggoonni biyya keenyatti ilaalcha namoomaan kaka’anii hawaasaaf fedhiisaaniitiin gargarsa barbaachisu taasisan waggaa waggaan dabalaa dhufeera. Barreessaan olaanaa waldaa dargaggoota Finfinnee Yihuneny Mahaammad hojiiwwan bara bajataa 2015 baatii sagal darbe hojjetamanii fi tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaa itti aanu ilaalchisuun TOI waliin turtii taasiseera. Dargaggoonni miseensa waldichaa ta’an hedduun walgargaaruun baatiiwwan sagal darban tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaan mana namoota dadhaboo 765 guutummaa fi walakkaan haaromsuusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni tola ooltotaa kunneen mana haaromsuun cinaatti hojii tiraafikaa, lammiilee bakkeewwan addaddaatii waldhaansaaf dhufan waldhaanuun, maaddii qooduu fihojiilee misoomaa addaddaarratti hirmaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa haaromsi manaa kun qaamolee mootummaa fi mitmootummaa, baasii waldichaa, maallaqa miseensarraa sassaabamee fi deeggarsa hawaasaatiin raawwatamuusaa ibsaniiru. Hojii kana baatii Waxabajjii bara 2015 irraa kaasee amma xumura bara bajataa kanaatti hojiiwwan tola ooltummaa addaddaatiin itti fufuuf hojiileen haalduree hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Hojiin tola ooltummaa kamiyyuu wayitiirratti hundaa’uu akka hinqabne ibsanii, namni humna qabuu fi itti gaafatamni itti dhadahamu hundi xiyyeeffannoo kennuufii qaba jedhaniiru. Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa kennuun cinaatti nageenya naannoosaanii eegsisuu keessatti adda duree ta’uun qoodasaanii bahuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Diinagdee
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoome
May 24, 2023 92
Caamsaa 16/2015(TOI)- Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoomeera. Pirojektiin kun waggaa sadiif hojiirra kan oolu yemmuu ta’u baasii kanaaf oolu ejensii misooma Faransaayitu akka danda’u ibsameera. Ministirri Inniveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa Itiyoophiyaan oomishoota qonnaa bebbeekamoo qabdu eegumsa kalaqa sammuutiin eegsisuun faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru. Seera baasuun cinaatti oomishoota qonnaa Itiyoophiyaa gurguddoo keessaa olaanaa kan ta’e oomisha bunaarratti xiyyeeffannoo addaa kennuusaa dinqisiifataniiru. Abbaa taayitaa qabeenya kalaqa sammuu Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan gaggeessaa beekumsa hawaasaa obbo Taaddasaa Warquu gamasaaniin, pirojektiin bu’ura seeraa ofkeessaa qabu kun oomishoota Itiyoophiyaa keessatti maqaa bakkaan ibsamaniif eegumsa mirga kalaqa sammuu kan taasisudha jedhan. Kun ammoo qaamolee oomisha oomishan dorgomaa akka taasisu ibsaniiru. Pirojektiin kun bu’ura seeraa fi sirna hojmaataa bakkeewwan Itiyoophiyaa keessatti argaman kan agarsiisuu akka diriirfamu kan dandeessisuta’uusaa beeksisaniiru. Kanaaf labsii fi danbii qopheessuun mallattoolee daldalaa abbummaa eeggsisuuf yaalii taasifamaniin alattis oomishoota addaddaa qulqullina bakkeetiin eeraman sirna akka qabeenya kalaqa sammuutti ittiin eegaman uumuuf pirojektichi faayidaa murteessaa qaba jedhan.
Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatameera
May 22, 2023 114
Caamsaa 14/2015(TOI)- Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatamuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa doktar Fitsum Asaffaa ibsan. Ministirittiin raawwii karooraa baatii sagalii kan bara 2015 de’eetaa ministirootaa, miseensota mana maree fi hooggantoota dhaabbileef wayita dhiheessanitti, mootummaan dinagdee hunda hamate ijaaruuf faayinaansii dijitaalaarratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru. Haala Kanaan imaammataa fi hojmaataan xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru eeranii, fayyadamtoonni teeknooloojii moobaayiliin maallaqa dabarsan miiliyoona 60 ol akka gahan dubbataniiruy. Haala Kanaan baatii sagal keessatti birriin tiriiliyoona 1 fi biiliyoona 220 ol kafaltii dijitaalaan raawwatamuu eeraniiru. Kunis bara 2014 yeroo walfakkaataatti maallaqa karaa dijitaalaa darbe birrii biiliyoona 454 tuqaa 31’n walbiratti yemmuu ilaalamu guddina dhibbantaa 169 galmeessisuusaa ibsaniiru. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu gamasaaniin, Itiyoophiyaa dijitaalaa ijaaruuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Deeggarsi boba’aa xiyyeeffannoon kennameef guutummaatti sirna teeknooloojii keessa galuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sirna taaksiis kafaltii elektirooniiksii keessa galchuun eegalamuusaa dubbataniiru. Dinagdeen biyyattii caalaatti hawaasa fayyadamaa akka taasisu bu’urri misoomaa telekoomii diriirsuun qaqqabiinsa tajaajila faayinaansii bal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Baayi’na namoota intarneetii fayyadamanii dabaluuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Qaqqabiinsa walitti hidhiinsa intarpiraayizootaa fi dhaabbilee fi gama fayyadamtootaan qaqqabiinsa biroodbaandii bal’isuuf hojii hojjetameen guddinni dhibbantaa 19 galmaa’uusaa eeraniiru. Fuulduras dinagdee dijitaalaa fi faayinaansii hunda hamate mirkaneessuuf hojiirra oolmaa bifa tokko qabu, qindaa’ee fi to’annaan irratti taasifamu jiraachuu akka qabu ibsaniiru.
'Ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin hojiiwwan bu'aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa'ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaaf carraaquu qabu'
May 22, 2023 116
Caamsaa 14/2015(TOI) - mINISTIRRI Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuuf osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan bu’aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa’ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaatiif carraaquu qabu jedhan. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Dorgommii kalaqaa Biyyaalessaa 3ffaa ifatti bananiiru. Dorgommicha mata duree ''kalaqa dorgommiif'' jedhuun kan qopheessee Ministira Hojjii fi ogummaan yoo ta'uu dorgommiin kun guyyoota shaniif kan turudha jedhameera. Waltajjii dorgommii kanarratti agarsiisni hojii kalaqaa, marii paanaalii fi sagantaalee biroo kan dhihaatan ta'uunis himameera. Dorgommiin kun gahumsa dargaggoota ogummaa fi dandeettii qaban agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu Ministirri Muummee himaniiru. Itoophiyaan akka badhaatuuf, dameewwan hunda ammayyeessuuf kalaqaan barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Itoophiyaa keessa dameen hundarratti rakkoon galtee waan hin jirreef galteewwaan jira kanarratti kalaqaa fi dandeettii dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru. Kalaqni kan jiru kan balleessu, gahumsa kan barbaadu fi rakkoo kan hiiku waan ta'eef kalaqa gama hundaanuu dafnee ofitti fudhachuu qabna jedhaniiru. Ogeeyyiin kalqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin rakkoo isaan mudatu bu'uura godhachuun akka carraatti itti fayyadamanii Hojii bu'aa irratti xiyyeeffate hojjechuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru. Hojiiwwan kalaqaa guyyaa sanatti mul’atan keessatti kalaqa abdachiisaa guddaa akka arge dubbataniiru.
Ispoortii
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 118
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 100
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 144
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’eera-Biiroo qonnaa naannichaa
May 25, 2023 74
Caamsaa 17/2015 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’uusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Eliyaas Kadir, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaaf naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabamuusaanii dubbataniiru. Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman madaallii naannawaa eeguun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii fooyyessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 tuqaa 9 qophaa’uusaa eeranii, biqiltuuwwan fuduraaf xiyyeeffannoon kennamee qophiin taasifamaa akka ture dubbataniiru. Bakka biqiltuun dhaabamu filachuu fi qophiin boollaa dursee jalqabamuusaa ibsaniiru. Waggoottan arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 13 tuqaa 6 dhaabamuu eeranii, kana keessaa dhibbantaan 88 tuqaa 6 qabateera jedhan. Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun baatii bonaa sululoota kuma 6 fi 450 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuusaa dabalanii ibsaniiru. Kana malees lafti heektaarri kuma 500 ol kan qullaatti hafe tuttuqaan ala taasisuun akka danda’ame Waxabajjii 15 bara 2015 irraa kaasee sadarkaa naannootti sagantaan ashaaraa magariisaa akka adeemsifamu eeranii, kanaafis kutaalee hawaasaa hedduu tola ooltummaan hirmaachisuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin sadarkaa biyyaalessaatti qophiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 taasifamaa akka jiru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisuunsaanii niyaadatama.
Balaa uumamaa ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame.
May 23, 2023 102
Caamsaa 15/2015 (TOI): Balaa uumamaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame. Yaa'ii Kongireesii Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataa kan jira Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii doktar Abrihaam Addunyaa jijjiiramni qilleensaa balaa uumamaa kanneen akka hongee, lolaa, ibidda bosona, fi sigiga lafaa fiduu rakkoo dinagdeefi hawaasumma cimaan akka umamu sababa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaatti Kibbaafi Kibba bahaatti akkasuma biyyoota ollaatti hongeen walitti aansee waggoota shaniif ture namootaafi qabeenyaarraan miidhaa guddaa geesisuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Balaawwaan tasaa ittisuuf sirna akeekkachiisaa dursaa diriirsuun cinaatti eegumsafi kununsaa naannoof xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu eeranii, hojiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru. Sirna akeekkachiisa dursaa cimaa diriirsuu fi odeeffannoo dafanii kennuunis rakkoolee jijjiirama qilleensaatiin mudatu furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis sirni akeekkachiisa dursaa hordoffii fi to’annoo haayidiroo-meetirooloojikaalaa cimaa, bu’uuraalee misoomaa fi qindoomina qooda fudhattoota damichaa akka barbaadu ibsaniiru. Odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Bishaanii fi Inarjii irraa argame akka mul’isutti, Kongireessiin Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaan Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru guyyoota 10 dhufaniif itti fufa.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 1354
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 1071
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015