Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 299
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Itiyoo-telekoom hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee itti nifufa-Fireehiywoot Taammiruu
Apr 16, 2024 163
Ebla 08/2016(TOI)- ኢ Itiyoo-telekoom faayinaansii dabalatee hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee akka ittifufu hojiiraawwachiiftuun olaanaa Itiyoo –telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo-telekoom appilikeeshinii haaraa “Tele birr-ingeej” jedhamu kaleessa galgala ifoomseera. Maamiltoonni tajaajila Kanaan marii biizinasii kallattii nama dhuunfaa ykn garee taasisuuf odeeffannoowwan gabaa waljijjiiruuf, maallaqa erguu fi fudhachuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Akkasumas dhimmoota biizinasii akkasumas hawaasummaa biroo barreeffamaan, suuraadhaan, sagaleedhaan, viidiyoo fi bifa sanadaan waljijjiiruu nidanda’u jedhaniiru. Kaampaanichi Itiyoophiyaa dijitaalaa damee hundaan dhugoomsuuf shojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa sirna faayinaansii dijitaalaa qaqqabaa taasisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Haala Kanaan appilikeeshinii “teelee birr-Ingeej” cehumsa faayinaansii dijitaalaa keessatti dhaabbilee daldalaa, mootummaa fi mitmootummaa gochuun dirree dinagdee dijitaalaa babal’isuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kaampaanichi hojiilee bu’uraaleen misoomaa sadarkaa biyyaalessaatti ijaare Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf jalqabaman gargaaruun shoorrisaanii olaanaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaanichi fuulduras tajaajiloota dijitaalaa haaraa hojeessuuf akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoo-telekoom karaa teelee birrii waggaa sadii dura hammattummaa faayinaansii dijitaalaa guddisuuf ifoomseen guyya guyyaatti gurgurtaa birrii biiliyoona 5 kan raawwatu yoo ta’u, waggoota 3 keessatti deddeebiin maallaqa birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 2 taasifameera.
Hojiin mootummaan Istaarti Appotaaf haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha
Apr 9, 2024 107
Ebla 1/2016 (TOI) - Hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise. Agarsiisni "Istaarit Appii Itoophiyaa'' kaleessa godahambaa Saayinsiitti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti banamee jira. Agarsiisa kanarratti dhaabbileen Istaart appii ta'an kan sadarkaa tokkoffaa irra jiran, sadarkaa tokkoffaa ce'anii fi gabaatti bahan , teeknooloojii odeeffannoo, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa, indaastirii, faayinaansii fi dameelee biroo irratti kan bobba’an bu’aa kalaqaa isaanii dhiyeessaniiru. Agarsiisa kanarratti appilikeeshinii dijitaalaa "Farm" jedhamu kan dhiyaate Meron Selshi; Appichi qonnaan bultoota galtee qonnaa fi dhiyeessitoota tajaajila makaanaayizeeshinii waliin wal qunnamsiisa. Dhaabbileen Istaari Appii kalaqoota haaraa qabatanii dhufan hawaasa biraan gahuuf yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Akka isaan yeroo gabaabatti hawaasa bira gahaniif hojiileen mootummaan yeroo ammaa hojjechaa jiru kun kalaqa isaanii beeksisuuf kan gargaruu fi caalaatti akka hojjetanii yeroo gabaabatti hawaasa bira gahan kan isaan gargaruu ta'uu kanneen agarsiisa kanarratti hirmaatan himaniiru. Walumaa galatti hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise kunneen.
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 192
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Sirni teessoo dijitaalaa magaalaa Bishooftuutti hojeeffame
Feb 22, 2024 274
Guraandhala 14/2016(TOI)-Sirni teessoo dijitaalaa saayinsii ispeesiitiyoophiyaa fiinistiitiyuutii Ji’-spaashaaliin hojjetame har’a magaalaa Bishooftuutti eebbifamee hojii jlqabeera. Ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dabalatee daarektarri olaanaa inistiitiyuutii saayinsii speesii fi ji’oo–spaashaalii Abdiisaa Yilmaa, kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, keessummoonni afeeramansagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa har’a eebbifamee jalqabame dhaabbilee fi manneen jireenyaa magaalattiitti argaman eessatti akka argaman beekuuf akka gargaaru eerameera. Bulchiinsa lafaa fi odeeffannoowwan magaalattii biroo ammayyeessuuf akka dandeessisuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee tajaajila kennanii fi tajaajilamtootaa mijataa akka taasisu akka ta’e himameera. Sirni teessoo dijitaalaa tajaajiloota bulchiinsaa, dinagdee fi hawaasummaa karaa si’ataa ta’een hunda biraan gahuuf kan dandeessisudha jedhan. Sochii jiraattonni iddoorraa iddootti taasisdan hir’isuuf, si’ataa gochuu fi bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii dhugoomsuuf qooda olaanaa akka gumaachu eerameera. Sirni kun kenniinsa tajaajilaa magaalotaa si’achiisuu dabalatee sochii hawaasummaa fi dinagdee ammayyeessuuf akka gargaaru ibsameera. Ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaa qulqullinaa fi si’aayina barbaachisuun hojeessuuf akka dandeessisus beekamera. Walumaa gala nageenya waa hundaa lammiilee eeguun guddina hawaasummaa fi dinagdee biyya tokkoof gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu Simpooziyeemii biyyoolessaa oomishtummaa Qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheesse.
Feb 19, 2024 256
Guraandhala 11/2016(TOI) - Simpooziyeemiin biyyoolessaa oomishtummaa qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheessummaa Yunivarsiitii Madda Walaabuutiin gaggeeffamaa jira. Yuunivarsiitichi hojii baruufi barsiisuun alatti damee qonnaa, eegumsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma turizimii irratti qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu beeksise. Pireezdaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Ahimad Kaliil, yuunivarsiitichi baruu fi barsiisuun cinaatti rakkoo hawaasichaa irratti hundaa’uun qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan. Keessattuu qonna, kunuunsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma tuurizimii irratti hojiiwwan qorannoo bal'aa kan gaggeessu ta’uus ibsaniiru. Waggoota lamaan darbanitti oomishtummaa qamadii guddisuuf qonnaan bultoota godina Baalee lamaanii fi Arsii Lixaatiif deeggarsa sanyii filatamaa fi galteewwan qonnaa biroo taasisaa turuu akka fakkenyaatti hojii Yuunivastichaa keessaa eeraniiru. Itti aanaan Pireezidaantii Dhimma Akaadaamii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniin akka jedhanitti, simpooziyeemii kana irratti qorattoonni fi qooda fudhattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi dhaabbilee qorannoo biyyattii adda addaa irraa affeeraman bu’aawwan qorannoo 12 ol ni dhiyeessu jedhaniiru. Simpooziyeemiin kun gama qorannoo Qamadii irratti qormaataa fi filannoowwan jiran adda baasuuf carraa kan uumu ta’uus eeran. Hirmaattonni simpooziyeemichaa yaada kennaniin, waltajjiin marii hayyoota walitti fide kun hudhaalee oomishaafi oomishtummaa mudachaa jiran adda baasuun fala kaa’uuf kan tumsu waan ta'eef yunivarsitichi sagantaa kana qopheessuu isaatti galateeffataniiru. Waltajjii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti qorattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa fi dhaabbilee qorannoo qonnaa biroo irraa affeeraman, abbootii gadaa fi haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii raawwatame keessaa %98.56 qolatameera
Jan 31, 2024 361
Amajjii 22/2016 (TOI) - Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii 4623 raawwatame keessaa %98.56 qolatamuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) beeksiseera. Hojii kanaanis birrii biliyoona 10.5 badiirraa baraaruun danda'amuu beeksiseera. Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) raawwii hojii 2016 kan ji’oota jahan darbanii ilaalchisuun miidiyaaleef kenneera. Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Solomoon Sookaa ji’oota jahan darban gama haleellaa saayibarii qolachuutiin hojiiwwan dinqisiisoon hojjetamuu ibsaniiru. Haaluma bara bajataa kana ji’oota jahan darban yaaliin haleellaa saayibarii kuma 4 fi 623 taasifamuu ibsaniiru. Yaalii haleellaa kuma 4 fi 493 raawwataman keessaa dhibbeentaan 98.56 qolatamuus himaniiru. Yaaliin haleellaa raawwatame; yaalii bu’uuraalee misoomaa jeequu, hojii tajaajilaa fi galii jeequu, daataa hatuu fi balleesuu, mala kaffaltii sobaa fayyadamuun burjaajesuu yaaluufa ta'uu himaniiru. Dhaabbilee haleellaa saayibarii kanaan xiyyeeffataman keessaa Baankotaa,dhaabbileen faayinaansii, miidiyaalee fi dhaabbileen mootummaa kan adda dureen eeraman ta'uu himaniiru. Gosoota haleellaa saayibarii raawwataman keessaa haleellaa marsariitii, malware, sakatta’iinsa bu’uuraalee misoomaa fi bu’uuraalee misoomaa addaan kutuuu ta'uu himaniiru. Obbo Solomoon Sookaa ibsa isaaniin; ji’oota jahan darban qorannoon saaxilamummaa nageenya saayibarii dhaabbilee 149 irratti gaggeeffamuu eeraniiru. Akkasumas gosoota teeknooloojii kuma 2 fi 999 bulchiinsi karaa to’annoo teeknooloojii odeeffannoo fi komunikeeshinii gara biyyaatti galchuuf hayyama gaafate keessaa 338 yaaddoo nageenyaatiin gara biyyaatti akka hin seenne dhorkamuu eeraniiru.
Itiyoo-Telekoom teeknooloojii dhaabbileen faayinaansii tajaajila maamiltootaaf kennan karaa teeleebirrii dhiheessuu dandeessisu ifoomse
Dec 21, 2023 562
Mudde 11/2016 (TOI)- Itiyoo-Telekoom teeknooloojii “dijitaal faaynaanshaal market pilees” dhaabbileen faayinaansii tajaajila maamiltootaaf karaa teeleebirrii dhiheessu ifoomse Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu dabalatee hooggantoonni dhaabbatichaa, hooggantoonni baankii fi maaykiroofaayinaansii fi kanneen damee faayinaansiirra hojjetan sagantaa jalqabsiisaarratti hirmaataniiru. “Dijitaal faanaashaal market pilees” dhaabbileen faaynaansii tajaajilasanii gatii madaalawaan karaa dijitaalaa hammattoo tokko jalatti akka dhiheessan dandeessisa. Hammattoon bittaa fi gurgurtaa aksiyoona dijitaalaa dhaabbileen biizinasii eeyyamni kennameef tajaajilichi karaa baankotaa, maaykiroo faaynaansii fi Inshuraansotaa bittaa fi gurgurtaa aksiyoonii karaa dijitaalaa gochuu kan dandeessisu akka ta’e ibsameera. Tajaajiloonni karaa teeleebirr supparaappii keessa galfamee dhaabbileen damee faaynaansii fi maamiltoonni ittifayyadamuu kan danda’an ta’uun eerameera. Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu, dhaabbatichi tajaajiloota addaddaa Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf dandeessisan beeksisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoo-telekoom tajaajila telekoomii idileen alatti tajaajila si’ataa, mijataa fi baasii qusatu dhiheessuun damee faaynaansii deeggaraa akka jiru himaniiru. Tajaajiloonni har’a jalqabaman dhaabbileen faaynaansii tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’an haala mijataa kan uumanidha jedhaniiru. Dhaabbatichi amma ammaatti maamiltoota teeleebirrii miiliyoona 40 ol kan qabu yoo ta’u, bittaa fi gurgurtaa birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 6 raawwachuusaa dubbataniiru. Itiyoo-telekoom torbee darbe tajaajiloota ulaagaa industirii telekoomii idil addunyaa guutan haaraa afur jalqabsiisuunsaa niyaadatama.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015