Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee

183

Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan.

Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru.

Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru.

 

Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru.

Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru.

Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015