Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise

358

Bitootessa 13/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise.

Jiddugaleessi innoveeshinii (Inooviis Ke Itiyoophiyaa) ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii deeggarsa ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaan ijaarsise eebbisiiseera.

Jiddugaleessichi paarkii ‘ICT’ keessatti kan ijaarame yoo ta’u, start aappotaa fi dargaggoota hojii uumtota Itiyoophiyaatti argaman hojiilee bu’ura misoomaa teeknooloojii fi innoveeshiiniin deeggaramanii hojjetan akka deeggaru ibsameera.

De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Baayyisaa Badhaadhaa haasawa waltajjicharratti taasisaniin jiddugaleessichi ijaarsa Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti qoodasaa akka bahu ibsaniiru.

Keessumaa ogeeyyonni hojii uuman yaadota staart aappii gabbisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Ittaanaa pirezidaantii ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaa(Kooyikaa) Doong Hoo Kiim gamasaaniin Kooyikaan Itiyoophiyaatti pirojektii kana keessatti hirmaachuusaa ibsaniiru.

Ejensichi deeggarsi dameelee teeknooloojii fi innoveeshinii biroo keessatti taasisu cimsee akka itti fufu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015