Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne

182

Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera.

Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera.

Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera.

Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera.

Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015