Hojiin mootummaan Istaarti Appotaaf haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha

101

Ebla 1/2016 (TOI) - Hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise.

Agarsiisni "Istaarit Appii Itoophiyaa'' kaleessa godahambaa Saayinsiitti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti banamee jira.

Agarsiisa kanarratti dhaabbileen Istaart appii ta'an kan sadarkaa tokkoffaa irra jiran, sadarkaa tokkoffaa ce'anii fi gabaatti bahan , teeknooloojii odeeffannoo, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa, indaastirii, faayinaansii fi dameelee biroo irratti kan bobba’an bu’aa kalaqaa isaanii dhiyeessaniiru.

Agarsiisa kanarratti appilikeeshinii dijitaalaa "Farm" jedhamu kan dhiyaate Meron Selshi; Appichi qonnaan bultoota galtee qonnaa fi dhiyeessitoota tajaajila makaanaayizeeshinii waliin wal qunnamsiisa.

Dhaabbileen Istaari Appii kalaqoota haaraa qabatanii dhufan hawaasa biraan gahuuf yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Akka isaan yeroo gabaabatti hawaasa bira gahaniif hojiileen mootummaan yeroo ammaa hojjechaa jiru kun kalaqa isaanii beeksisuuf kan gargaruu fi caalaatti akka hojjetanii yeroo gabaabatti hawaasa bira gahan kan isaan gargaruu ta'uu kanneen agarsiisa kanarratti hirmaatan himaniiru.

Walumaa galatti hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise kunneen.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015