Agarsiifnii Istaarti aappi Itoophiyaa (hoji uumtoota haaraa) godahambaa Saayinsiitti baname.

106

Bitootessa 30/2016(TOI) - Agarsiifnii Istaarti aappi Itoophiyaa (hoji uumtoota haaraa) godahambaa Saayinsiitti baname.

Sirna banisaa agarsiisa kanarratti Ministirri Hojii fi ogummaa Mufaarihaat Kamiil, Ministirri Tekinolojii fi Innoveeshinii doktar Ballaxaa Mollaa, Ministirri Indastirii Malaakuu Alleebal fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Agarsiisaa kanarratti hoji uumtoonni haaraan sadarkaa tokkoffaa, kan sadarkaa tokkoffaarraa ce'aan fi kan gara gabaatti bahan damee qonnaa, Infoormeeshiin tekinolojii, Fayyaa,Barnoota, Inarjii, Indastirii, Faayinaansii fi kanneen biroo irratti bobba'an ni hirmaatu jedhameera.

Istaarti appoonni kunneen Bitootessa 30/2016 irraa eegalee hanga Ebla 20/2016'tti oomishitoota 500tti dhihaatan agarsiisa kanarratti kan dhiheessan ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015