Itiyoo-Telekoom teeknooloojii dhaabbileen faayinaansii tajaajila maamiltootaaf kennan karaa teeleebirrii dhiheessuu dandeessisu ifoomse

Mudde 11/2016 (TOI)- Itiyoo-Telekoom teeknooloojii “dijitaal faaynaanshaal market pilees” dhaabbileen faayinaansii tajaajila maamiltootaaf karaa teeleebirrii dhiheessu ifoomse

Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu dabalatee hooggantoonni dhaabbatichaa, hooggantoonni baankii fi maaykiroofaayinaansii fi kanneen damee faayinaansiirra hojjetan sagantaa jalqabsiisaarratti hirmaataniiru.

“Dijitaal faanaashaal  market pilees” dhaabbileen faaynaansii tajaajilasanii gatii madaalawaan karaa dijitaalaa hammattoo tokko jalatti akka dhiheessan dandeessisa.

Hammattoon bittaa fi gurgurtaa aksiyoona dijitaalaa dhaabbileen biizinasii eeyyamni kennameef tajaajilichi karaa baankotaa, maaykiroo faaynaansii fi Inshuraansotaa bittaa fi gurgurtaa aksiyoonii karaa dijitaalaa gochuu kan dandeessisu akka ta’e ibsameera.

Tajaajiloonni karaa teeleebirr supparaappii keessa galfamee dhaabbileen  damee  faaynaansii fi maamiltoonni ittifayyadamuu kan danda’an ta’uun eerameera.

Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu, dhaabbatichi  tajaajiloota addaddaa Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf dandeessisan beeksisaa akka jiru ibsaniiru.

Itiyoo-telekoom tajaajila telekoomii idileen alatti tajaajila si’ataa, mijataa fi baasii qusatu dhiheessuun damee faaynaansii deeggaraa akka jiru himaniiru.

 Tajaajiloonni har’a jalqabaman dhaabbileen faaynaansii  tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’an haala mijataa kan uumanidha jedhaniiru.

Dhaabbatichi amma ammaatti maamiltoota teeleebirrii miiliyoona 40 ol kan qabu yoo ta’u, bittaa fi gurgurtaa birrii tiriiliyoona 1 tuqaa 6 raawwachuusaa dubbataniiru.

Itiyoo-telekoom torbee darbe tajaajiloota ulaagaa industirii telekoomii idil addunyaa guutan haaraa afur jalqabsiisuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015