Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
![](/documents/42148/0/1714039682455.jpg/ba6013c6-3a89-6329-5fea-4b5ca9949ef5?version=1.0&t=1714061067050&download=true)
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise.
Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira.
Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira.
Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru.
Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.