Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii raawwatame keessaa %98.56 qolatameera

Amajjii 22/2016 (TOI) - Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii 4623 raawwatame keessaa %98.56 qolatamuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) beeksiseera.

Hojii kanaanis birrii biliyoona 10.5 badiirraa baraaruun danda'amuu beeksiseera.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) raawwii hojii 2016 kan ji’oota jahan darbanii ilaalchisuun miidiyaaleef kenneera.

Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Solomoon Sookaa ji’oota jahan darban gama haleellaa saayibarii qolachuutiin hojiiwwan dinqisiisoon hojjetamuu ibsaniiru.

Haaluma bara bajataa kana ji’oota jahan darban yaaliin haleellaa saayibarii kuma 4 fi 623 taasifamuu ibsaniiru.

Yaalii haleellaa kuma 4 fi 493 raawwataman keessaa dhibbeentaan 98.56 qolatamuus himaniiru.

Yaaliin haleellaa raawwatame; yaalii bu’uuraalee misoomaa jeequu, hojii tajaajilaa fi galii jeequu, daataa hatuu fi balleesuu, mala kaffaltii sobaa fayyadamuun burjaajesuu yaaluufa ta'uu himaniiru.

Dhaabbilee haleellaa saayibarii kanaan xiyyeeffataman keessaa Baankotaa,dhaabbileen faayinaansii, miidiyaalee fi dhaabbileen mootummaa kan adda dureen eeraman ta'uu himaniiru.

Gosoota haleellaa saayibarii raawwataman keessaa haleellaa marsariitii, malware, sakatta’iinsa bu’uuraalee misoomaa fi bu’uuraalee misoomaa addaan kutuuu ta'uu himaniiru.

Obbo Solomoon Sookaa ibsa isaaniin; ji’oota jahan darban qorannoon saaxilamummaa nageenya saayibarii dhaabbilee 149 irratti gaggeeffamuu eeraniiru.

Akkasumas gosoota teeknooloojii kuma 2 fi 999 bulchiinsi karaa to’annoo teeknooloojii odeeffannoo fi komunikeeshinii gara biyyaatti galchuuf hayyama gaafate keessaa 338 yaaddoo nageenyaatiin gara biyyaatti akka hin seenne dhorkamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015